Finfinnee, Onkoloolessa 17, 2019 (FMC)- Godina Kibba Baha Oromiyaatti bara kana damma toonii kuma 29 ol argachuuf hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa ibse.Oomishni kun gaagura aadaa, ce’uumsaa fi ammayyaa irraa akka argamuuf kan karoorfame ta’uu Hogganaa Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Kibba Baha Oromiyaa Ibsaa Gammadaa FMC-tti himanii jiru.Oomisha dammaa gaagura aadaa fi ce’uumsaa giddugaleeffatee ture gara gaagura ammayyaatti ceesisuun oomishtummaan misooma dammaa akka dabaluuf hojjetamaa jiras jedhan.Mootummaan gaagura ammayyaa karaa waldaalee IMX’n qonnaan bultootaaf akka dhiiyaatu haala mijessuus himanii jiru.Godinichatti bara 2018 gaagurri ammayyaa kuma 200 fi kuma 6 fi 856 raabsameera.Bara kana karoora of danda’uu irratti hundaa’uun gaagura ammayyaa kuma 200 fi kuma 61 fi 452 dhiyeessuun raabsuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti gaagurri kuma 80 fi 500 ol qonnaan bultoota bira gahuus dubbatan.Hojiin raabsaa hanga ammaatti jirus kan bara darbee yeroo walfakkaataa irra dhibbantaa 26.3n caalmaa qabaachuu kaasaniiru.Qonnaan bultootnii fi waldaaleen misooma dammaa irratti hojjataa jiran bu’aa argachuu eegaluus eeraniiru. Muuxannoowwan gaggaarii gama misooma dammaatiin argaman babali’isuu irratti kan hojjatamu ta’uu hubachiisaniiru. #Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa Lammaa Tasfaayeetu gabaase