Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) –Itiyoophiyaan guddina hundagaleessa milkeessuuf tarkaanfilee tarsiima’aa garaagaraa fudhataa jirti.Tarkaanfilee kanneen keessa eenyummeessaan dijitaalaa isa tokkoodha.Waraqaan eenyummeessaa ‘Faayidaan’ qajeeltoo “namni tokko tokkichuma” jedhuun hojii galmeessaa fi mirkaneessaa eenyummaa diijitaalaa hojiirra oolaa jiruudha.Kaayyoo guddaan eenyummaa diijitaalaa nama tokkoo sirnaan beekuu fi amanamaa ta’uu isaa mirkaneessuudha.Lammiin tokko mirga seeraan argachuu qabu karaa amanamaa fi dhugaa ta’een akka argatu gargaara.Faayidaalee fi tajaajilootaa lammiin tokko argachuu qabu karaa sirrii fi seeraan akka argatu wabii olaanaadha.Akkuma bu’uuraaleen misoomaa biroon misooma biyyaa keessatti gahee olaanaa qaban eenyummaan diijitaalaas guddina biyyaaf bu’uura murteessaadha.Mootummaan Ida’amuu lammiileen waraqaa eenyummaa dijitaala biyyaaleessaa akka galmaa’an gochuun tajaajila Mootummaa haqaan akka argatan taasisuuf xiyyeeffannaa olaanaa hojjetaa jira.Waraqaan eenyummaa dijitaalaa wal amantaa uummataafi mootummaa gidduu jiru caalmaatti cimsa.Itiyoophiyaatti hanga ammaatti lakkoofsi namoota waraqaa eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaaf galmaa’an miiliyoona 53 caaleera.Kaardiwwan miiliyoonni 15 fi kumni 33 ol ammoo maxxanfamaniiru.Kunis yakka ittisuuf, tajaajiloota diijitaalessuu, saffisiisuuf akkasumas namoota dhuunfaa, dhaabbileefi qaamolee qooda fudhattootaa gidduutti hariiroo amansiisaa uumuuf gargaaraa jira.Sagantaan eenyummeessaa diijitaalaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa gara giddugala bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa bal’aa ta’etti guddateera.Kunis biyyoonni Afrikaa hedduun muuxannoo Itiyoophiyaa akka qooddataniifi tumsaan hojjechuuf gara sosochiitti akka seenaan taasiseera.Zaambiyaa, Moozaambiik fi Burundiin muuxannoo Waraqaa eenyummeessaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa fudhachuu yaalii eegaluutti jiru.Sosochiin kun Afrikaanonni dandeettii ofiin waldeeggaruun ce’umsa diijitaalaa milkeessuu akka danda’an agarsiistuudha.Siifan Magarsaatiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa