Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) — Karoora Mootummaa Ida’amuu bu’a qabeessa taasisuuf Chaayinaan deeggarsa waliigalaa taasiftu cimsitee itti fufti jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Cheen Haayi.Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Gidiyoon Ximootewoos Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayi waliin mari’ataniiru.Marii isaaniin, dhimmoota ijoo tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa caalaatti cimsuun ittiin danda’amu irratti mari’ataniiru. Keessumaa dameewwan daldalaa, invastimantii fi ijaarsa dandeettii irratti tumsa isaanii guddisuuf waliigalaniiru.Ambaasaaddar Cheen Haayi Chaayinaan karoora Mootummaa Ida’amuu bu’a qabeessa taasisuuf deeggarsa waliigalaa taasiftu cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa