Finfinnee, Onkololeessa 24, 2019 (FMC) –Yuunivarsiitiin Arsii galiin of danda’uuf hojjetaan jira jedhe.Lafa hektaara 100 ol irratti oomishaalee gosa garaagaraa oomishuufi baay’isuun galiin of danda’uuf hojjetaa jiraachuu hime.Oomishaalee adda addaa babal’isuun madda galii Yuunivarsiitichaa cimsuufi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuufis hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuun himaniiru.Oomishaalee akka Qamadii, Garbuu, Xaafiifi Bunaa baay’isuun qonnaan bultoota naannawaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbatan.Horii aannanii, horsiisa lukkuufi furdisa looniirratti hojii qabatamaa faayidaa hawaasaa dachaan guddisaan hojjetaa jiraachu kaasan.Hojiin Yuunivarsiitiin Arsii hojjetaa jiru, guddina diinagdee biyya mirkaneessuufi utubuuf qooda guddaa qabaachuu hogganaan Ittaanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Dooktar Dirribaa Galateen himaniiru.Qonnaan bultoonni naannawichaas sanyii filatamaa Yuunivarsiitii Arsii irraa fudhatanii facaasaa turan irraa callaa gaarii kan eegan ta’uu himan.Dabalataan Yuunivarsiitiin Arsii guyyaa har’aa mana harka qalleeyyiif Birrii miiliyoona 3 oliin ijaare dabarsee kenneera.Faxxanaa Zawudeetiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa