Kooriyaan Kibbaa Misooma hubannoo Namtolcheef Doolaara Biiliyoona 15.6 ramadde

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 23, 2019 (FMC) – Kooriyaan Kibbaa misooma teeknooloojii hubannoo namtolchee deeggaruuf baajata Doolaara biiliyoona 15.6 ramaduun gabaafame. Hubannoo namtolcheen bu’uura ijoo dorgommii dinagdee addunyaa gara fuulduraa ta’aa dhufuu hordofee, biyyoonni hedduun bu’uuraalee misooma dijitaalaa dhaloota itti aanuu ijaaruuf baajata guddaa ramadaa jiru. Kooriyaan Kibbaas baajata guddaa kana pirojektoota teeknooloojii gurguddoo sadii irra oolchuuf karoorfatteetti. Isaanis oomisha chiippiiwwan elektirooniksii (Semiconductors), hubannoo namtolchee Fiizikaalaa fi misooma wiirtuuwwan kuusaa fi qindeessa odeeffannoo ammayyaa (Data Centers) ta’uu isaanii UPI gabaaseera. Biyyoonni damee hubannoo namtolcheen dorgommii cimaa keessa kan seenan yoo ta’u, dorgommii isaanii kanaan dhiyeessii teeknooloojii, bu’uuraalee raabsa anniisaa fi dhiyeessii bishaanii isaanii eeguun gabaa dijitaalaa addunyaa irratti dorgomaa ta’anii itti fufuurratti kan kaayyeffatedha. Sosochiin addunyaa guutuurratti taasifamaa jiru kun hubannoon namtolchee biyyootaaf dhimma dursa biyyaalessaa ta’aa dhufuu isaa kan agarsiisudha. Biyyoonni guddachaa jiranis ta’e biyyoonni sadarkaa misoomaa garaagaraa irra jiran, birmadummaan teeknooloojii dandeettii biyya keessaa cimaa ijaaruu irratti kan hundaa’e ta’uu hubachaa jiru. Itiyoophiyaanis damee kanaan addunyaa waliin tarkaanfachuu fi Gaanfa Afrikaatti wiirtuu teeknooloojii ta’uuf hojiiwwan misooma dijitaalaa tarsiimawaa ta’an raawwachaa jirti. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 guutummaatti hojiirra ooluu isaa hordofee, biyyattiin dandeettii kompiitaraa ammayyaa, bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo fi misooma humna namaa irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojiilee hojjechuun damee kanaan milkaa’ina olaanaa galmeessisteetti. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 marsaa lammaffaas hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, tattaaffii dijitaalaayizeeshinii biyyattii daran ol kaasuun guddina teeknooloojii saffisiisuuf gahee olaanaa qabaata. Dabalataanis, Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa dhaabbilee barnoota olaanoo waliin ta’uun damee kana irratti hojjechaa jira.  Kana malees, Itiyoophiyaan Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee Ida’amuu, Afrikaa irraa isa jalqabaa ta’e hundeessaa jirti. Itiyoophiyaan ogeessota damee kanaa gahumsa qaban horachuu fi dandeettii isaanii cimsuu cinatti, bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa barbaachisoo ta’an ijaaruu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirti.  #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa