Finfinnee, Onkoloolessa 23, 2019 (FMC) – Yaa’ii Idil-addunyaa Fayyaa Hawaasa Afrikaa 5ffaa Finfinneetti gaggeeffamuuf qophii gahaan taasifameera jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.Dooktar Maqdas Dhaabaan qophicha ilaalchisee ibsa kennaniin, yaa’ichi sirna fayyaa keenya warreen kaanitti beeksisuufi biyyoota biroorraa muuxannoo qooddachuuf gargaara jedhan.Yaa’iin kun tumsa fayyaa naannawaa akka cimsu kaasanii, oomisha biyya keessaa guddisuu, diijitaalaayizeeshinii fayyaafi tuurizimii fayyaa babal’isuuf biyyoonni Afrikaa kan itti mari’atan ta’uus eeraniiru.Daayrektarri Olaanaan Afrikaa CDC Dooktar Jiyaan Kaasiiyaan gamasaaniin, yaa’ichi waltajjii sadarkaa dameen fayyaa Afrikaa irra gahe itti agarsiisnudha jedhaniiru.Yaa’ichi Sadaasa 14-18, 2019 Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta’u hirmaattonni kumni 30 irratti ni argamu jedhameetu eegama.Zufaan Kaasaahuntu gabaase.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa