Finfinnee, Onkololeessa 23, 2019(FMC)- Gocha gara jabeeyyii humnoonni badii Godina Kibba Baha Oromiyaa, Aanaa Shirkaa, ganda Birboo Colleetti hawaasa nagaarratti raawwate hordofee, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii fudhataa jira.Haaluma kanaan hanga ammaatti miseensonni humnoota badii 73 ta’an to’atamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibseera..Hogganaan Tajaajilichaa Obbo Hayiluu Addunyaa dhimma kana ilaalchisuun ibsa har’a miidiyaaf kennaniin, humnoota badii badhaadhina Itiyoophiyaa gufachiisuuf walitti qindaa’anii Oromiyaa keessatti hojii shororkeessummaarratti bobba’anirratti, mootummaan tarkaanfii gara jabeessa ta’e fudhachaa kan jiraachuu ibsaniiru.Gocha humnoonni badii Onkololeessa 14, 2019 Godina Kibba Baha Oromiyaa Aanaa Shirkaa ganda Birboo Colleetti, raawwatan hordofuun mootummaan nageenya hawaasaa mirkaneessuuf hojiilee gurguddaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuufi dandamachiisuu cinaatti, mariin uummataa sadarkaa sadarkaan gaggeeffamuu fi maree gaggeeffameenis uummanni gocha badii humnoota Tsimdoo tokkummaan hadheeffatee balaaleffachuu dubbachuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa humnoota Tsimdoo irratti tarkaanfii fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu hubachiisaniiru.Uummanni odeeffannoo dhugaa hin taane, namoonni miidiyaalee hawaasaa garaagaraa fayyadamuun tamsaasan irraa akka of eeguu dhaamuun, namoonni jibba tamsaasan, walitti bu’iinsa afarsan ergamtoota diinota Itiyoophiyaa ta’uu hubachuun barbaachisaa akka ta’e Obbo Hayiluun himaniiru.