Yuuniivarsiitiin Addigiraat barattoota simachuu eegale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 22,2019(FMC)- Yuuniivarsiitiin Addigiraat barattoota buleeyyiifi haaraa simachaa jira. Guyyaa har’aa barattoonni buleeyyiifi haaraan gara Yuuniivarsiitichaa seenaa kan jiran yoo ta’u, Pireezidaantii Yuuniivarsiitichaa Dooktar Gabramikaa’el Waldagabri’eel dabalatee hoggantoonniifi miseensonni Gamtaa Barattootaa Yuuniivarsiitichaa barattootaaf simannaa taasisaniiru. Adeemsi simannaa barattootaa hanga Onkoloolessa 24, 2019’tti akka itti fufu ragaan Yuuniivarsiiticharraa argame ni mul’isa. Barattoonni buleeyyiifi haaraan hanga guyyaa jedhameetti seenuun akka galmaa’an Yuuniivarsiitichi hubachiiseera. Bifuma walfakkaatuun Yuuniivarsiitiin Maqalee tibbana barattoota simachuu kan eegale yoo ta’u, manneen barnootaa naannichatti argamanis hojii baruufi barsiisuu eegalaa akka jiran gabaasuun keenya ni yaadatama. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa