Finfinneen ijaaraa jirru kabaja, mirgaa fi faayidaa jiraattota ishee kan eegduu fi carraa misoomaa walqixa fayyadamoo akka taasiftuufi – Aadde Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 22, 2019 (FMC)- Finfinneen ijaaraa jirru kabaja, mirgaa fi faayidaa jiraattota ishee hunda kan eegdu, akkasumas lammiilee hunda carraa misoomaa walqixa irraa fayyadamoo kan gootu akka taatuuf kutannoo qabna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Kantiibaa Adaanech Abeebeen misooma nama irratti xiyyeeffate hojiidhaan kan mirkaneessee Qe’ee Qindaawaa Eejersaa Boolee Shubuu kaafamtoota misoomaaf dabarsanii kennaniiru.Aadde Adaanech Abeebee gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarasniiru.Ergaa isaaniin, Har’a Ganda Jiraattotaa Qindaawaa Boolee Shubuu Eejersaa jiraattota naannichaa misoomaaf kaafamaniif dabarsinee kennineerra.Kaayyoon guddaan bu’uuraalee misooma magaalaa misooma ijaaruu qofa osoo hin taane, jireenya lammiilee fooyyessuu, mirgaa fi faayidaa isaanii kabachiisuu, akkasumas carraa jireenya fooyya’aa uumuudha.Yuunivarsiitiin Sammuu Namtolchee (AI) magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramaa jiru pirojektii biyyaalessaa guddaa guddina teeknooloojii fi dinagdee biyya keenyaa saffisiisuudha.Haa ta’u malee, pirojektiin kun jireenya qonnaan bultoota duraan lafa sana qonnaa fi jireenyaaf itti fayyadamaa turan irratti dhiibbaa kan geessisu waan ta’eef, isaan misooma kana irraa fayyadamtoota malee miidhamtoota akka hin taaneef xiyyeeffannoo addaa kennineerra.Haaluma kanaan, qonnaan bultoota Boolee Shubuu Eejersaa misooma Yuunivarsiitii Sammuu Namtolchee (AI) tiif lafa qonnaa fi jireenyaa isaanii irraa kaafamaniif ganda jireenyaa qindaa’aa ijaarree, madda galii fi jireenya isaanii fooyyessuuf kan gargaaran tajaajiloota dabalataas keessatti hammachiifneerra.Kunis hariiroo hawaasummaa jiraattotaa eegaa, gara haala jireenyaa fooyya’aatti kan ceesisu sagantaa misoomaa namarratti xiyyeeffateedha.Mana jireenyaa qofaan osoo hin daangeffamin, gandi kun tajaajiloota armaan gadii of keessatti qaba• Mana horsiisa loonii, keessumaa sa’a aannanii, fi iddoo qopheessa nyaata beelladootaa.• Suuqiiwwan daldalaa, manneen kuusaa fi raabsa oomishaa, akkasumas daakuu midhaanii.• Iddoo ispoortii, iddoo daa’imman itti taphatanii fi kunuunsa daa’immanii.• Galma walga’ii.Tajaajiloonni kunneen jiraattonni jireenya fooyya’aa akka jiraatan, misooma aannanii fi madda galii isaanii biroo akka guddisan, hariiroo hawaasummaa isaanii akka eeganii fi daa’imman isaanii naannoo mijataa keessatti akka guddatan kan gargaaraniidha.Misooma jechuun namoota bakka isaan jiraatan irraa kaasuu qofa osoo hin taane, sadarkaa jireenya isaanii fooyyessuu, dandeettii diinagdee isaanii cimsuu fi abdii egeree isaanii daran guddisuus ni dabalata.Jiraattota naannichaa waliin yeroo mari’annetti, lafti isaanii faayidaa biyyaalessaa guddaaf akka oolu, yuunivarsiitichi ijoollee isaaniif carraa barnootaa kan uumu, akkasumas dandeettii biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa taasisu akka guddisu hubachuun, isaanis fedhii isaaniin tumsa taasisaniiru.Kanaafis isaan galateeffanna; kabajni guddaanis isaaniif mala.Hojiin kun, yeroo tokkummaa fi tumsa taasisnee hojjenne, qaamolee hunda fayyadamoo gochuu fi misooma waaraa mirkaneessuu akka dandeenyu kan agarsiisudha.Gandi Jiraattotaa Boolee Shubuu Eejersaa kallattii misooma nama irratti xiyyeeffate qabannee deemnu hojii irra kan oolche fakkeenya gaarii dha.Finfinneen ijaaraa jirru kabaja, mirgaa fi faayidaa jiraattota ishee hunda kan eegdu, akkasumas lammiilee hunda carraa misoomaa walqixa irraa fayyadamoo kan gootu akka taatuuf kutannoo qabna.Hoggantoota Kutaa Magaalaa Boolee fi namoota adeemsa hojii kana keessatti gumaacha taasistan hunda nan galateeffadha.