Maqaleetti kallattiiwwan hojiilee fuulduraa raawwachuuf dandeessisan Kaa’aman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 22, 2019 (FMC) –Magaalaa Maqaleetti kallattiiwwan hojilee fuulduraa karaa qindoomina qabuun raawwachuuf dandeessisan Kaa’amaniiru.Kantiibaan Magaalichaa Dooktar Shishay Amaaree bakka argamanitti, Bulchiinsi Imaanaa Magaalaa Maqalee walga’ii isaa jalqabaa gaggeesseera.Walga’ii kanaan, miidhaa magaalattii irra ga’e sirreessuu, dandeettii dhaabbilee cimsuu, akkasumas tajaajiloota bulchiinsaa saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuuf tattaaffii taasifamaa jiru irratti mari’atameera.Marichaanis, hojiiwwan deebisanii ijaaruu fi misoomaa magaalattii saffisiisuu, dandeettii raawwii hojii dhaabbilee guddisuu, akkasumas jiraattonni tajaajiloota isaan barbaachisan saffiisaan akka argatan taasisuun kallattiiwwan xiyyeeffannoo ijoo ta’uun ibsameera.Hojiiwwan gurguddoo hanga ammaatti magaalattii keessatti raawwatamaniis gamaaggamamaniiru.Dhimmoota murtoo hatattamaa barbaadan adda baasuun murtoo kennuu bira darbee, hojiiwwan gara fuulduraatti raawwataman qindoominaan hojiirra oolchuuf kallattiiwwan hojii kaa’amaniiru.Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa