Karoora Of danda’uu, Bu’uura Badhaadhina Oromiyaaf…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2019 (FMC) – Oromiyaan qabeenya uumamaa, humna namaa, lafa bal’aa, bishaan, albuudaa fi carraalee invastimantii hedduu qabdi.Kana hunda qabaattuus, qabeenya kana gara badhaadhina diinagdee fi fayyadamummaa uummataatti jijjiiruun hojii xiyyeeffannoo barbaaduudha.Karoorri of danda’uu Naannoo Oromiyaa Yaadama Ida’amuu, Haaromsa Aadaa, Ummata, Sirna Itti Gaafatamummaa, Humna Maatii fi Humna Walootiin kan hogganamuudha.Kanaaf, Karoorri Of-danda’uu naannichaa qabeenya jiru sirnaan fayyadamuun hirkattummaa hir’isuu, oomishtummaa guddisuu fi bu’uura badhaadhinaa diriirsuuf kan kaayyeffateedha.Karoorri Of-danda’uu, keessumaa dameewwan qonnaa, indaastirii, misooma humna namaa, bu’uuraalee misoomaa, anniisaa, invastimantii fi bulchiinsa gaarii irratti xiyyeeffata.Kallattiiwwan kanaan Oromiyaa qabeenya qabdurratti hundaa’uun oomishaa fi tajaajila gahaa uumuu, carraa hojii babal’isuu fi diinagdee naannichaa cimsuuf karoorfamee hojiitti galameera.Qonni damee diinagdee Oromiyaa keessaa bakka olaanaa qabuudha.Oomishtummaa qonnaa guddisuun, teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun, jallisii babal’isuu fi oomishaalee qonnaa gara gabaa biyya keessaa fi alaatti erguun xiyyeeffannoo karoorichaa keessaa isa tokko.Kunis wabii nyaataa mirkaneessuu fi galii qonnaan bultootaa guddisuufi badhaadhina milkeessuuf gumaacha qaba.Qabeenya uumamaa naannichaa gara oomishaalee gatii dabalataa qabanitti jijjiiruun of danda’uu diinagdee keessatti gahee guddaa qaba.Warshaalee babal’isuu, invastimantii keessaa fi alaa hawwachuu, oomisha biyya keessaa guddisuu fi carraa hojii bal’aa uumuu irratti hojjechuun kaayyoo karoorichaa keessaa isaan ijoodha.Akkasumas humna namaa fi dandeettii ogummaa guddisuun qaama xiyyeeffannootti.Of-danda’uun qabeenya uumamaa qabaachuu qofa osoo hin taane, humna namaa beekumsaa fi ogummaa qabu horachuu gaafata.Kanaaf, barnoota qulqullina qabu, leenjii ogummaa, teeknooloojii fi kalaqa babal’isuun dhaloota oomishaa horachuun barbaachisaa fi dhimma murteessaadha.Karoorrichi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu jechuun,Daandii, ibsaa, bishaan, teeleekoomii fi bu’uuraalee misoomaa biroo babal’isuun sochii dinagdee saffisiisuus hammata.Keessumaa misoomni koriidarii, walitti hidhamiinsa magaalaa fi baadiyyaa, haaroomee, gabaa, oomishaa fi tajaajilaaf carraa haaraa kan uumuudha.Oromiyaan qabeenya albuudaa, bosonaa, bishaanii fi qabeenya uumamaa biroo hedduu qabdu wal simsiisuun itti fayyadamuun madda galii, carraa hojii fi misooma itti fufiinsa qabu uumuun murteessaadha.Qusannaa, invastimantii fi faayinaansii cimsuunis qaama karoorichatti.Aadaa qusannaa guddisuu, dhaabbilee faayinaansii babal’isuu, liqii argachuu salphisuu fi invastimantii deeggaruun hojii dhuunfaa fi sochii dinagdee guddisuuf barbaachiisaadha.Kunis qabeenya uummataa gara hojii oomishtummaatti jijjiiruuf gargaara.Bulchiinsa gaarii fi hirmaannaa uummataa guddisuu.Karoorri kamiyyuu bu’aa qabaachuu kan danda’u hirmaannaa uummataa, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii yoo qabaateedha.Kanaaf, qabeenya Ummataa fi mootummaatti sirnaan fayyadamuu, tajaajila uummataaf kennamu fooyyessuu, iftoomina cimsuu, hanna hundeerraa buqqiisuu, hojiiwwan misoomaa bu’aan madaaluun Barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan irra deddeebiin dubbataniiru.Waliigala Karoorri Of-danda’uu Oromiyaa hirkattummaa hir’isuun qabeenya naannichaa gara badhaadhina diinagdee fi hawaasummaatti jijjiiruuf kallattii kaa’uudha.Milkaa’inni karoorichaa garuu qindoomina mootummaa, hirmaannaa uummataa, invastimantii dhuunfaa, itti gaafatamummaa fi hojii qabatamaan kana madaalamuudha.Of danda’uun jechuun qabeenya ofii beekuu, bulchuu, oomisha ofii guddisuu fi jireenya uummataa fooyyessuudha.Oromiyaa qabeenya ishee irratti hundaa’uun badhaadhina maatii, hundagaleessaa fi biyyaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti gaheen mootummaa, uummata, dargaggoota, dubartootaa fi abbootiin qabeenyaa olaanaadha.Tsahaay Gulummaatiin.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa