Finfinnee, Onkoloolessa 23, 2019 (FMC) – Naannolee biyyattii Tigraayiin ala jiran fi, bulchiinsota magaalota lama keessatti hojiirra kan oole tajaajilli mootummaa Giddugala Tokkoo Masoob, naannoo Tigraay magaalaa Maqaleettis eegaluuf jira.Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay kallattii Mootummaa Federaalaan kaa’ameen erga hundaa’ee booda, magaalaa Maqaleetti tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojii irra oolchuuf qophiin jalqabamuun ibsameera.Hoji-gaggeessaa Olaanaan Tajaajila Masoob RFDI, Obbo Yoonaas Alamayyoo, tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob teeknooloojii biyya keessaa fayyadamuun tajaajiloota dhaabbilee mootummaa bakka tokkootti walitti qabuudhaan uummataaf akka dhaqqabamaa ta’u kan taasisu ta’uu ibsaniiru.Tajaajilli kun lammiileen dhimmoota garaagaraa raawwachuuf dhaabbata tokko irraa gara dhaabbata biraatti akka hin deddeebineef, yeroo fi baasii hir’isuu bira darbee, qaawwa hojimaata badaa fi malaammaltummaa uumuu danda’u cufuudhaan iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf akka gargaaru Obbo Yoonaas ibsaniiru.Kallattii ce’umsa tajaajila dijiitaalaa Mootummaa Ida’amuun qabateen, guutuu biyyattiitti wiirtuleen tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob 114 ga’uu isaanii kan ibsan Obbo Yoonaas, tajaajilichaan lammiileen miiliyoona 2.7 ol fayyadamoo ta’aniiru jedhan.Tajaajilichi hojimaata mootummaa ammayyeessuu fi saffisiisuu, itti quufinsa tajaajilamtootaa guddisuu, akkasumas wal amantaa dhaabbilee mootummaa fi uummata gidduu jiru cimsuu keessatti gahee murteessaa akka qabu ibsaniiru. Kana malees, tajaajilli mootummaa karaa haqaa fi saffisaa ta’een uummata bira akka ga’uuf akka gargaaru ibsameera.Hoji Gaggeessaa Olaanaan Tajaajila Masoob, Obbo Yoonaas Alamayyoo, magaalaa Maqaleetti misoomawwan ariifachiisoo ta’an jalqabuuf hojjetamaa akka jiru ibsuun, tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob hawaasaaf tajaajila mootummaa saffisaa, bu’a qabeessaa fi qulqullina qabu kennuuf akka gargaaru dubbataniiru.Kantiibaan bulchiinsa Imaanaa Magaalaa Maqalee, Dooktar Shishaay Amaaree, tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan giddugala tokkotti walitti qabuun, qindeessuu fi ammayyeessuun hojimaata badaa hir’isuu fi itti quufinsa tajaajilamtootaa guddisuuf akka gargaaru ibsaniiru.Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojii irra oolchuun tajaajiloota mootummaa karaa saffisaa fi bu’a qabeessa ta’een uummata biraan ga’uu fi yeroo fi baasii jiraattonni dhimmoota isaanii raawwachiifachuuf baasan hir’isuuf akka gargaaru eraniiru.Dooktar Shishaay Dargaggoo Sim’oon Tasfamariyaam Onkoloolessa 17 irraa eegalee itti gaafatamaa Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob magaalaa Maqalee akka ta’u muuduun isaanii ni yaadatama.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa Gizaachoo Girmaayeetu gabaase