Gareen Yaala hatattamaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa beekamtii idil addunyaa sadarkaa 1ffaa argate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2019 (FMC) – Gareen Yaala hatattamaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa beekamtii idil addunyaa sadarkaa 1ffaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa argateera.Yaa’iin Garee Yaala Hatattamaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa 7ffaan yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jira.Garichi Naannawaa Afrikaatti garee siiviilii isa jalqabaa, akkasuma ulaagaa qophummaa hundaa guute 2ffaa ta’uun boqonnaa seenaa galmeessuu Ministirri Ministira Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsaniiru.Gareen deeggarsa Yaalaa fi Ittisaa Balaa Itiyoophiyaa bara 2018 kan hundaa’e yoo ta’u, biyyoota 15 ol keessatti ergama isaa bahachuu fi ogeeyyii ga’umsa qaban 600 ol bobbaasuun tumsa fi michummaa sadarkaa ardii agarsiisuu himan.Ministeera Fayyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi michoota biroo waliin qindoominaan hojjechuudhaan, Gareen Yaala Hatattamaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gara sadarkaa WHO Type-1tti akka ce’u taasifamuu isaa ibsameera.Soosinnaa Alamaayyootiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa