Finfinnee, Onkololeessa 23, 2019 (FMC)- Biyyi uummata guddaa, seenaa boonsaa fi eenyummaa cimaa qabduuf karra galaanaa dhabuu jechuun maal jechuudha?Gaaffiin kun bu’uura adeemsa seenaa Itiyoophiyaa, dandeettii diinagdee fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyyaa kallattiin kan qoratuudha.Biyyi uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol qabdu karra galaanaa kallattiin itti fayyadamuu dandeessu dhabuu isheetiin sochii daldalaa, guddina diinagdee fi nageenya tarsiimawaa ishee irratti dhiibbaa guddaa keessa jirti.Itiyoophiyaan karra Galaanaa barootaaf itti fayydamaa turte, dogoggoraan dhabuu isheetiin. waggaa waggaan kiraa buufata doonii fi tajaajila loojistikiif sharafa alaa doolara hedduu baasaa jirti.Qabeenyi kun barnoota, fayyaa fi bu’uuraalee misoomaaf utuu oolee gaaffilee uummataa gama kanaan jiru hedduu deebisuu danda’a ture.Baasiin loojistikii dabalaa deemu immoo gatiin oomishaalee akka dabalu gochuun dorgommii daldala idil addunyaa keessatti dandeettii biyya keenyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira.Yeroo lakkoofsi Ummataa saffisaan dabalaa jiruu fi fedhii misoomaa isaa guutuun dirqama ta’aa jirutti, buufata galaanaa dhabuu jechuun karoora gara fuulduraa gufachiisuu danda’uudha.Kanaaf Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuun dhimma Mootummaa yookiing garee tokkoo qofa osoo hin taane, dhimma dhaloota dhufuuf dandeettii biyyaalessaa cimaa ijaaruuti.Dhiibbaa kana hunda hubachuun Mootummaan Ida’amuu furmaata waaraa dhaloota dhufuuf darbu barbaaduu galma biyyaalessaa olaanaa godhatee xiyyeeffannoon hojjechaa jira.Carraaqiin karra galaanaa argachuuf Itiyoophiyaan taasistu dandeettii diinagdee biyya keessaa cimsuu bira darbee, gahee Itiyoophiyaan naannawichatti gama siyaasaa fi misooma tarsiimawaan qabdu madaalawaa taasisuuf gumaacha qaba.Gaaffiin kun nageenya dinagdee biyyattii fi badhaadhina waloon nannawicha walitti hidhuuf tattaaffii sirrii fudhatamaa jiruu dha.Walitti dhufeenyi kun marii karaa nagaa fi qajeeltoo faayidaa waloo fayyadamuun yoo hojiirra oole, daldala, walitti hidhamiinsa diinagdee fi nageenya naannawichaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata.Deebiin gaaffii kanaaf kennamuu qabus fayidaa waloo fi bu’uura seenaa fi heeraa irraa ka’uu qaba.Itiyoophiyaan Galaana Diimaa waliin hariiroo seenaa keessatti qabdu fageenya teessuma lafaa qofa irratti kan hundaa’e miti.Daldala, hariiroo uummataafi uummataa, akkasumas tumsa naannawaa jaarraa hedduu keessatti ijaarame irratti kan hundaa’edha.Walitti dhufeenya seenaa kana hariiroo diinagdee waaraa ta’een haaromsuun badhaadhina biyyaafi guddina waliinii naannawichaa mirkaneessuuf utubaa murteessaa ta’a.Kanaafuu, Itiyoophiyaan karra galaanaa qabachuun dandeettii biyyaalessaa cimaa dhaloota dhufuuf dabarsuu, nageenya diinagdee mirkaneessuu fi birmadummaa biyya cimsuu dha.Walumaagalatti, Itiyoophiyaaf karra galaanaa argachuun dhimma egeree biyyaalessaa, birmadummaa diinagdee fi badhaadhina dhaloota dhufuutiItiyoophiyaan karaa nagaa fi waliigaltee irratti hundaa’een galma kana milkeessuun seenaa badhaadhinaa haaraa dhaloota dhufuuf ijaaruuf imala eegalte cimsitee itti fufteetti. Milkaa’ina isaafis tumsi lammiilee daran murteessaadha.Tsahaay Gulummaatiin.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa