Onkoloolessa 24: Gaachana Dugda Duubaan Waraaname

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) – Guyyoonni tokko tokko lakkoofsa kalaandarii irratti barreeffaman qofa miti. Madaadha; madaa waggaa waggaadhaan yaadatamuufi matumaa hin dagatamne.Onkoloolessi 24 guyyaa akkasii keessaa isa tokko.Halkan sana Raayyaan Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa, daangaa diinaa keessatti osoo hin taane,boroo isaarraa, yeroo hin eegneefi kallattii hin shakkineen haleellaan irratti raawwatame. Humni waggootaaf gaachana ta’ee dhaabachaa ture dugda irraan waraamame.Raayyaan kun eenyu ture?Raayyaan Ajaja Kaabaa eegduu daangaa qofa hin turre. Raayyaa ummata waliin jiraataa ture, qaama hawaasaa ta’ee turee dha.Daangaa yeroo eeguu eegduu, lolli yeroo dhufu baraaraa, hongeen yeroo mudatu gargaaraa, yeroo qonnaa immoo ummata waliin qonnan bulaa ture. Miseensi raayyaa tokko harka isaatiin qawwee, harka biraatiin immoo qottoo, haamtuu, akaafaa fi gabatee gurracha qabatee mul’ata ture.Daandii fi manneen barnootaa yoo ijaaru, biqiltuu yeroo dhaabu, midhaan yeroo haamu, sochii hawaasummaafi diinagdee keessatti yoo hirmaatu mul’ata ture. Waggootaaf nageenya ummataa eeguudhaan, dadhabbii fi dafqa ummata waliin qooddachaa ture. Raayyaan tokko onnee ummataa keessatti iddoo yoo qabaate, kabaji kana caalu hin jiru.Dhukkubbiin isaa daran kan nama tuquufis kanaafi.Loltuun dirree waraanaa irratti fuula diinaa duratti kufu kabaja qaba. Garuu loltuun utuu ummata isaa tajaajilaa jiruu, hiriyyaa isaa cina boqote tokkoon dugda irraa waraamuun madaa gadi fagoo qalbii biyyaalessaa irratti hafuudha. Lubbuun akeekkachiisa osoo hin dhaga’in, qophii waraanaa osoo hin qabaatin, maatii isaa yaadachuufillee carraa osoo hin argatin darbe hundi, har’as callisee nu gaafachaa jira.Maaliif yaadanna?Biyyi madaa ishee dagachuun hin fayyitu. Madaa ishee yaadachuun of eeggannoo akka gootu ishee barsiisa. Onkoloolessi 24 waggaa waggaadhaan kan yaadatamu gaabbii qofaaf miti; wantoota sadii yaadachuufi.Tokkoffaa, kabaja warra wareegamaniif. Ilmaan biyya isaaniif lubbuu isaanii kennan, yeroo boqonnaa irra turanitti lubbuu isaanii kan dhaban, seenaa fi galmee biyya isaanii keessatti maqaan isaanii bara baraan ni yaadatama.Lammaffaa, jajjabina warra madaa isaanii baataniif kennamu. Maatiin dhukkubbii darbe baatanii jiraatan kophaa akka hin taane beekuu qabu.Sadaffaa, dhalootaaf akeekkachiisa dabarsuudha. Guyyaan gurraachi kun irra deebi’ee akka hin mudanneef, biyya keessaa fi alaan dammaqinaan eeguu, dhaabbilee cimsuu, akkasumas waliin jireenya ijaaruun itti gaafatamummaa nama hundaati jechuun nu yaadachiisa.Biyyi kun waliigaltee Piriitooriyaatiin nagaa filattee jirti; madaa ishee marii fi waliigalteen fayyisuufis kaateetti. Nagaan garuu yaadannoo hin haqu; yaadannoon immoo nagaa eega.Yaadannoon kun kan ka’u haalloo ba’uuf osoo hin taane, wanti akkasii irra deebi’ee akka hin raawwatamne waadaa haaromsuufi.Kabajni raayyaa ittisaa akkasitti eegama: raayyaan ummata tajaajilee darbe, onnee ummataa keessatti bara baraan ni jiraata. Gaachanni dugda irraa yoo waraamameyyuu, biyyi garuu dhaabbattee jirti.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa