Mootiin Leseettoo daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2019 (FMC) – Mootiin Leseettoo 3ffaan Leetsiyyeen daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.Mootichi wayita Finfinnee gahan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayyeen simatamaniiru.Daawwannaan Mootichaa hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu Ambaasaaddar Birhaanuun dubbataniiru.Tumsa hundagaleessa biyyoota lamaaniif boqonnaa haaraa kan banu ta’uu dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.