Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 4ffaan har’aa eegaluun taphatamu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2019 (FMC) – Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 4ffaa har’a taphatamaniin morkiin Atileetikoo Maadriid – Baayerni Muunik, Baarseloonaan ammoo Astoon Viilaa waliin taasisan ni eegamu.Har’a galgala sa’aatii 2:45 eegalee Gaalaataasaraay – Istuugaarti, Shaakaatar Deeneksiin ammoo Ispoortiingi waliin taphatu.Halkan sa’aatii 5:00 jalqabee taphoota sadan darbanirraa qabxii 3 qofa kan argate Maanchiister Yuunaayitiid Roomaa waliin morkiin taasisu xiyyeeffannoo argateera.Sa’aatuma walfakkaatuutti, Atileetikoo Maadriid – Baayerni Muunik, Baarseloonaan- Astoon Viillaa, Booddoo Gilmiit – Liil, Feyeenoord – Intermiilaan, Viilaariyaal – PSG, akkasuma LASK – Isloovaan Biraatislaavaa waliin taphatu.PSG, Astoon Viilaa, Liiverpuul, Riyaal Maadriidii fi Riyaal Beetis taphoota sadan darban hundi injifachuun qabxii sagal sagal qixaan sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa qabataniiru.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa