Namummaa keessatti miidhaginni guddaan nama biroof jiraachuu fi ba’aa jireenyaa namoota biroo salphisuu danda’uudha.Tajaajilli tola ooltummaa faayidaa dhuunfaa osoo hin eegiin ykn kaffaltii malee yeroo, beekumsa, humnaa fi qabeenya ofii fayyadamuun namoota biroo gargaaruu fi hawaasaaf oolchuudha.Tola ooltummaan hariiroo hawaasaa cimsa, rakkoo namootaa fura, akkasuma guddina biyyaaf gumaacha olaanaa qaba.Faayidaan tola ooltummaa kan fudhatu qofaaf osoo hin taane kan kennuuf illee bu’aa xinsammuu maallaqatti tilmaamamuu hin dandeenya qaba.Itiyoophiyaatti Waqtii Gannaatti Roobnii fi Qorri kan heddummatu ta’uus dargaggootaa fi hawaasaaf waltajjii jaalalaa, gaarummaa fi walitti hidhamiinsati.Dargaggoonni yeroo isaanii hojii faayidaa qabuuf akka oolchan, itti-gaafatamummaa fi rakkoo furuuf dandeettii akka horatan gargaara.Biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu, mana namoota harka qalleeyyii haaromsuu, barattootaaf barnoota bilisaa kennuu, meeshaalee barnootaa walitti qabuu fi arjooma dhiigaa keessatti gahee qaba.Kunis tokkummaa, waliif yaaduu, kabajaa fi waliin jiraachuu cimsa.Keessattuu tajaajilli tolaa yeroo Gannaa dargaggoota hedduu hojii hawaasummaa adda addaarratti hirmaachisuun dargaggoota gaarii ta’an horachuuf gahee qaba.Walumaagalatti, waan gaarii gochuuf qabeenya guddaa ykn maallaqa hedduu hin barbaachisu; fedhii gaarii fi laphee namoota gargaaruuf banaa ta’e qofa barbaachisa.Dargaggoonni humna, beekumsaa fi yeroo isaanii ummata isaaniif yeroo kennan, bu’aan isaan argatan gammachuu fi muuxannoo,akkasuma gara fuulduraatti itti gaafatamummaa biyya dhaalan gaggeessuu goonfatu.Namootaaf yeroo, beekumsa fi humna keenya kennuun, muuxannoo, jaalala, gammachuu fi bu’aa hawaasummaa nuuf fida.Kanaaf, “Kennuun fudhachuudha.”Malkaam Fiqaadutiin#Oromia #Ethiopia