Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC) – Seenaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessatti leenjisaan lammii Afrikaa tokkoollee hin mul’anne ture.Taphataan duraanii Baarseloonaa fi Maanchistar Siitii, akkasumas taphataan garee biyyaalessaa Kotidivuwaar, Yaayyaa Tuureen, sadarkaa leenjisummaa irratti seenaa haaraa galmeesseera.Yaayyaa Tuureen kilabii Isiloovaakiyaa ”Siloovaan Biraatislaavaa”tti leenjisaa olaanaa ta’uun, Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara 2026/27’n sadarkaa marsaa liigiitti hirmaachuuf darbuu isaatiin, leenjisaa Afrikaa keessaa isa jalqabaa ta’eera.Gareen isaa Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaa keessatti hirmaachuuf darbuun isaa erga mirkanaa’ee booda, Yaayyaa Tuureen gammachuu guddaa qabu ibsuun, baay’ee gammadee keessi isaa kolfaa fi gammachuun akka guutame, garuu akka leenjisaatti yeroo sana irraa kaasee hojii fi qophii taphaa itti aanuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu dubbateera.Yaayyaa Tuureen yeroo taphataa turetti, kubbaa miilaa Awurooppaa keessatti milkaa’ina guddaa warra galmeessisan keessaa isa tokko ture.Baarseloonaa keessatti yeroo taphataa turetti, bara dorgommii 2008/09, waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa, Laa Liigaa Ispeenii fi Kooppaa De’l Reeyii waliin mo’achuun, garee Baarseloonaa yeroo sanaa keessaa taphattoota beekamoo kanneen akka Liyooneel Meesii, Andirees Ineeshtaa fi Zyaavii Heernaandeez waliin seenaa milkaa’aa hojjeteera.Baarseloonaa irraa gara Maanchistar Siitiitti erga deebi’ee boodas, taphattoota seenaa kilabichaa jijjiiran keessaa isa tokko ta’eera.Maanchistar Siitii waliin yeroo turettis waancaa Piriimeer Liigii 3, Liig Kaappii 2 fi FA Kaappii tokko mo’ateera.Yaayyaa Tuureen, dursaa garee biyyaalessaa Kot-diviwaarii ta’uunis bara 2015 waancaa Afrikaa mo’achuun, biyya isaa ulfina guddaan ga’eera.Erga tapha dhaabee boodas, Akkaadaamii Toottanhaamii fi garee biyyaalessaa Sa’uud Arabiyaa keessatti leenjisaa gargaaraa ta’uun muuxannoo horate.Amma immoo, hojii leenjisummaa olaanaa ta’uu isaatiin qormaata isaa isa jalqabaa sadarkaa kilabiitti Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessatti eegaleera.Akkaataa dorgommii haaraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara 2026/27tti, ”Siloovaan Biraatislaavaa” taphoota marsaa liigichaa keessatti Inter Miilaan, Riyaal Beetis, Shaakhtaar Dooneetsk fi Shituutgaart waliin dirree isaarratti, akkasumas Paariis Seent-Jarman, Roomaa, Liil fi Laask waliin dirreen alatti kan taphatu ta’a.Milkaa’inni Yaayyaa Tuuree kun kubbaa miilaa Afrikaaf tarkaanfii seena qabeessaadha. Taphattoonni Afrikaa liigoota gurguddoo addunyaa keessatti dorgomuu akka danda’an yeroo hedduu mirkaneessaniiru.Haa ta’u malee, carraan leenjistoonni Afrikaa kilaboota beekamoo Awurooppaa keessatti sadarkaa leenjisaa olaanaa ga’anii mul’achuun isaanii dhiphaa ture.Yaayyaa Tuureen daangaa kana cabsuun, leenjistoota Afrikaa dhaloota itti aanuuf balbala kubbaa miilaa Awurooppaa baneera.Milkaa’inni isaa kunis ispoortessitoota Afrikaa keessatti kaka’umsa uumuun, ilaalcha addunyaan leenjistoota Afrikaa irratti qabu jijjiiruuf ga’ee olaanaa qaba.