Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC)- Yaa’iin Abbootti Alangaa Naannoo Oromiyaa 6ffaan bara 2018 bakka hooggantoonni olaanoo Naannoo fi Abbootii Alangaa caasaa biirichaa sadarkaan jiran argamaniitti geggeeffamaajira.Mootummaan Naannoo Oromiyaa Naamusa,Haqaa fi Olaantummaa Seeraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira.Kana milkeessuufis qaamolee haqaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjachaa jira.Guyyaa har’aas yaa’iin Abbootti Alangaa Naannoo Oromiyaa 6ffaan bara 2018 bakka hooggantoonni olaanoo Naannoofi Abbootti Alangaa caasaa Biirichaa sadarkaan jiran argamaniitti geggeeffamaa jira.Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo yaa’icharratti haasaawaa taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa tajaajila haqaa si’ataa, iftoomina qabuu fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessu irratti xiyyeeffatee hojjechaa kan jira jedhan.Kunis caalmaatti akka lafa qabatuuf abbootiin Alangaa dhimmoota kanneen akka Fooyya’insa sirna haqaa, naamuusa, olaantummaa seeraafi kanneen biroo irratti waliin mari’achuun kallatti fuulduraa akka ka’ataniif Yaa’ii Abbootti Alangaa hundeessuudhaan hojiile bu’a qabeessi hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.Yaa’i kanaanis imalli dijitaalaayizeshinii Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa maal akka fakkaatu ilaaluun irratti mari’achuun kallattiin fuulduraa kan kaa’amu ta’uu kaasaniiru.Yaa’ii kana irrattis hoggantoonni olaanoo Kilaastara Haqaa fi abbootiin alangaa sadarkaa Naannoo, Godina, Magaalaafi Aanaaleerraa argaman hirmaachaa jiraachuu ragaan BKO ni mul’isa.