Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC)- Atileet Addisuu Goobanaa Maaraatonni Siidiniitti Riikkardii ture fooyyessuun injifateera.Dorgommii Maaraatoonii marsaa 24ffaaf dorgomame kanaan Atileet Addisuu Goobanaa sa’aatii 2:04:42n galuun dorgommicha sadarkaa 1ffaan xumureera.Sa’aatiin Atileet Addisuun itti xumure riikkardii bakka dorgommichaa ta’uun galmaa’eera.Dorgommichaan Cimdeessaa Dabalee 2ffaa, Jamaal Makonnin 5ffaa, akkasumas injifataan bara darbee Haayilamaariyaam Kiroos 6ffaa akkasumas Daawwit Waldee 8ffaa bahuun dorgommii isaanii xumuraniiru.Dubartootaan immoo Atileetiin Keeniyaa Peerees Jeeppichiirchiir 1ffaa bahuun xumurteetti.Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii kana irratti hirmaatan Shuree Damisee, Heevan Hayiluu fi Masarat Ababaayyahu sadarkaa 3ffaa hanga 5ffaa qabachuun xumuruu, ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa irraa argame ni mul’isa.