Marii Biyyaalessaa,carraan uummata Itiyoophiyaa walitti hidhata qabaachuu isaa qabatamaan agarsiise

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC) — Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessite, rakkoolee seenaa keessatti waggoota dheeraaf waraana, humnaa fi wal-dhabdee siyaasaan kuufamaa turan, qawwee caalaa karaa nagaa fi mariin teessoo tokko irratti furmaata barbaaduun akka danda’amu kan mul’isee dha.Yaa’iin Marii Biyyaalessaa kun namoota muuxannoo, fedhii fi ilaalcha siyaasaa garaagaraa qaban kallattiidhaan walitti fiduun waliin qkka mari’atan waltajjii uumeera.Waltajjiin kun aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti ce’umsa guddaa kan agarsiise yoo ta’u, tokkummaa cimsuuf boqonnaa seenaa guddaa ta’eera.Mariin kun qormaatawwan biyyattii furuuf dandeettii fi carraa kan uumu ta’uu bira darbee, qormaati Itiyoophiyaan mariidhaan furachuu hin dandeenye tokko illee akka hin jirre qabatamaan mirkaneesseera.Mariin Biyyaalessaa kun lammiileen Itiyoophiyaa garaagarummaa siyaasaa fi qoqqoodamawwan seenaa komiiwwan yeroo dheeraa turan walitti bu’iinsa caalaa karaa marii akka furan carraa uumeera.Gaaffilee fi komiiwwan qaban humnaa fi meeshaa waraanaatiin furuuf qabsoo hidhatannoo geggeessaa kan turan dabalatee, qaamoleen garaagaraa hundi marii irratti akka hirmaatan taasifamuun milkaa’ina adeemsa kanaa addunyaatti mul’iseera.Garaagarummaa miidhagina, marii immoo meeshaa furmaataa taasifachuun imalli jalqabame kun, rakkoolee seenaa keessatti Itiyoophiyaa mudatan sirreessuun gara badhaadhina waaraa, diimokiraasii fi tokkummaa dhugaatti ce’umsa gootuuf karaa baneera.Garaagarummaa humnaa fi dirqamaan osoo hin taane, teessoo tokko irratti mari’achuun, seenaa walitti bu’iinsaa caalaa gara waliigaltee biyyaalessaa fi dhimmawwan waliinii irratti xiyyeeffachuun, mariin biyyaalessaa waliigaltee biyyaalessaa fiduuf gahee ijoo isaa bahatee, seenaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraa kan banee dha.Qaamoleen hawaasaa garaagaraa, paartileen siyaasaa, waldaaleen siiviikii, hayyoonni, lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan (daayasporaa) fi kutaaleen hawaasaa biroo waltajjii tokko irratti hirmaataniiru.Adeemsi kun tokkoon tokkoo lammii biyyattii biyya isaarratti abbummaan guutuu fi nageenyi akka itti dhaga’amu kan gargaaru yoo ta’u, yaada “biyya waliinii fi carraa waliinii qabna” jedhu cimsuun seenaa waliinii bu’uura jabaa irratti ijaara.Yaa’iin Marii Biyyaalessaa kun taatee yeroo tokko keessatti daangeffamu osoo hintaane, galmoota guguddoo yeroo dheeraa kan qabuu dha.Dhimmoota biyyaalessaa bu’uuraa irratti waliigaltee uumuun; tokkummaa biyyaalessaa fi walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun; yaadawwan furmaataa irratti abbummaa uummataa mirkaneessuun, Kutaalee hawaasaa garaagaraa gidduutti wal amantaa ijaaruun; nageenya waaraa, bulchiinsa dimokiraatawaa fi ijaarsa biyyaatiif bu’uura kaa’uun bu’aalee gurguddoo marii kanaa keessaa ti.#Oromia #Ethiopia