Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Barri 2018 biyya cimtuu ijaaruu fi diimokiraasii dagaagsuuf bara bu’uurri itti kaa’ameedha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan bu’aalee bara baajatatichaa argamanii fi kabaja guyyoota shanan Qaammee ilaalchisee ibsa kennaniiru.Biyya cimsuu fi sababa walitti bu’iinsaa dhabamsiisuuf mariin biyyaalessaa kan gaggeeffame bara kana keessa ta’uu dubbatan.Filannoon filattoonni miiliyoonni 54 irratti hirmaatan gaggeeffamuu kaasuun, bara ijaarsa dimokiraasiif bu’uurri cimaa itti kaa’amee fi imala olka’iinsa Itiyoophiyaaf dhagaan bu’uuraa kaa’ame ta’uu ibsan obbo Kabbadan.Piroojektoonni jajjaboon gara hojiitti itti galanii fi kan itti xumuraman bara milkaa’inni olaanaan itti galmaa’e ta’uu kaasan.Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuramuu, akkasumas ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, warshaan xaa’oo fi pirojektoota gurguddoo biroo bara itti jalqabaman ta’uu eeran.Bara baajataa 2018 galiin Birriin Tiriliyoonni 1.5 walitti qabamuu himuun, daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 10.2 argamuu isaa dubbatan.Invastaroonni Kaappilaata Doolaara Biiliyoona 4.4 galmeessan bara hojiitti galan akka ta’ee fi Abbootii qabeenyaa alaa waliin waliigalteen Doolaara biiliyoona 13.2 mallattaa’u himan.Giddugala Tajaajila Iddoo Tokkoo 100 ol hojiitti galchuun kenniinsa tajaajilaa caalmaatti fooyyessuuf hojjetamuu eeran.Itiyoophiyaan qormaatilee keessa turteefi jirtu injifachuun saffisa olaanaan imala badhaadhinaa gama Hawaasummaa, Dinagdeefi Siyaasaan jalqabde milkeessuun bara imala tirannaarraa gara utaalchootti ceete ta’uu kaasan.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia