Finfinnee, Hagayya 26, 2018( FMC)- Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hanqinni oomishaalee akka hin uumamneef qophiin taasifameera jedhe Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee.Hoggantuun Biirichaa aadde Habiibaa Siraaj ibsa kennaniin, bulchiinsi magaalichaa Ayyaana bara haaraaf meeshaalee bu’uuraa gatii madaalawaan dhiyeessuuf qophii taasisuu ibsaniiru.Ayyaanicha hordofee hanqinni oomishaalee akka hin uumamneef naannoleefi magaalota ollaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa turuu yaadachiisanii, oomishaaleen gahaan qophaa’uu eeraniiru.Ayyaanicha ilaalchisee Hagayya 28,2018 irraa eegalee Kutaalee Magaalaa 11 keessatti baazaariin ayyaanaa akka banamu ibsuun, gabaan Dilbataas torban guutuu banaa ta’uu dubbataniiru.Baazaariiwwan kanneen irratti oomishaalee bu’uuraa dabalataan oomishaaleen indaastirii, galteewwan barnootaa fi uffannaan garaagaraa kan dhiyaatan ta’uu eeraniiru.Ayyaanicha sababeeffachuun qaala’iinsi gatii akka hin uumamneef hojiin hordoffii cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.Miseensonni koree ittisa daldala seeraan alaa fi tasgabbii gabaa sadarkaan jiran hawaasa waliin qindoominaan akka hojjetan dhaamaniiru.Sosochiin daldalaa seeraan alaa wayita mudatu kutaaleen hawaasaa hundi karaa toora bilbilaa bilisaa 8588 eeruu akka kennan waamicha dhiyeessaniiru.#Oromia #Ethiopia