Buna, hundee al-ergii Itiyoophiyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 25, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan xiyyeeffannoo oomishaa fi qulqullina Bunaaf kenniteen bara baajataa kana galii alaa olaanaa oomisha Bunaarraa argachuu dandeesserti.Bunni oomishaalee qonnaa sadarkaa idil addunyaa keessaa isa tokkoodha.Biyyoonni hedduun sharafa alaa kan argatan Buna alatti eerguuni.Bunni madda galii biyyoota hedduutis.Ragaan ‘MG Coffee Export’, akka agarsiisutti, gabaa idil addunyaarratti Bunni waggaa waggaan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 40 olitti gurgurama.Biraaziil addunyaa irratti biyya bunaa oomishuu fi alatti erguun sadarkaa 1ffaa irra argamtu yoo taatu, gabaa al-ergii bunaa addunyaa keessaa %35 kan isheeti.Waggaa waggaan galii al-ergii Bunaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 14 ol argatti.Veetinaam, Kolombiyaa, Indooneeshiyaa, Honduraas, Itiyoophiyaa fi Ugaandaan oomisha bunaa gabaa addunyaaf dhiyeessuun biyyoota sadarkaa itti aanan qabatanidha.Itiyoophiyaan dorgotummaa oomisha bunaa ishee guddisuuf, akkasumas qaqqabummaa gabaa babal’isuuf, tarsiimoo garaagaraa qopheessuun hojjechaa turteetti.Uwwisa gabaa buna Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti guddisuuf oomishaa fi qulqullina Bunaarratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan ibsanii turan.Itiyoophiyaan Afrikaarraa Al ergii Bunaan sadarkaa duraarratti kan argamtu yoo taatu, yeroo ammaas gabaan Buna Itiyoophiyaan daran guddataa dhufeera.Itiyoophiyaan biyyoota oomisha buna Arabikaa gabaa addunyaaf dhiyeessaan keessaa sadarkaa jalqabaarratti argamti.Haa ta’uutii buna dheedhii waan alatti ergituuf, faayidaa guutuu gabaa bunaa irraa argachaa hin jirtu.Faallaa kanaan biyyoonni Awurooppaa kanneen akka Jarmanii fi Siwiizarlaandi buna alaa galchuun sona itti dabaluun daabisanii gabaaf dhiyeessuun galii olaanaa argachaa jiraachuu Ragaan Daldala Idil Addunyaarraa argame ni mul’isa.Oomisha Bunaarratti sona dabaluun gabaa alaaf dhiyeessuun akkaan murteessaa ta’uu isaan hojiiwwan oomisha Bunaarratti sona dabaluu cimanii itti fufuu qabu.Bunaaf nagaa hin dhabinaa!!!Miikiyaas Ayyalaatiin#Oromia #Ethiopia