Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC)- Hojiin qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetame bu’aan qabxii barattootaa akka fooyya’u taasiseera jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Yaa’ii Barnootaa Sadarkaa Magaalaa 33ffaa mata duree” Sammuu Har’aatiin Ifa Boriif” jedhuun jalqabsisuu ibsaniiru.Yaa’ichi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf, waliingahiinsa babal’isuuf, adeemsa baruufi barsiisuu bu’aa qabeessa gochuuf, hojiilee gaggaarii damichaan hojjetaman irraa muuxannoo qooddachuuf, hanqinaalee jiran adda baasuun furmaataa fi kallattii waloo kaa’uuf wagga waggaan kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.Magaalichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojii xiyyeeffannoo addaan hojjetameen bu’aan qabxii barattootaa fooyya’aa akka dhufe kaasaniiru.Yeroo ammaa magaalichatti bu’aan banootaa %33 fooyya’iinsa argamsiisuu ibsaniiru.Barsiisonniifi qaamoleen qooda fudhattootaa xiiqiin hojjechuun barattoota kalaquu danda’an, rakkoo furan, naamuusa gaarii horatanfi beekumsa hidhatan baay’inaan horachuuf tumsuu qabna jedhan.Bulchiinsi magaalichaa invastimantii guddaa barnoota irra haa oolchinu jechuun baajata guddaa damee barnootaaf ramaduun, bu’uurarraa dhaloota irratti hojjechuun murteessaa waan ta’eef daa’imummaan duraa irratti hojjechaa jira jedhan.Bu’aa hanga ammaatti argameef galateeffachuun, yeroo itti aanutti barattoota beekumsaafi naamuusa gaarii gonfatan akkasumas cichoominaan hojjetan uumuuf waliin haa hojjennu jechuun dhaamaniiru.#Oromia #Ethiopia