Imalli waloo Dhaabbileeamantaa nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaalessaa keessatti gahee olaanaa qaba – Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC) – Dhaabbileen amantaa Itiyoophiyaa waggoota 15 darban keessatti tumsa isaanii cimsuun, nageenyaa fi tokkummaa hawaasummaa guddisuun, guddinaa fi misooma biyyaalessaaf gahee murteessaa ba’aniiru jedhan Pireezidaantiin Itiyoophiyaa Taayyee Taayyee Atsqasillaasee.Ayyaanni hundeeffama waggaa 15ffaa fi Walgahiin idilee 18ffaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Pireezidaanti Taayyee Taayyee Atsqasillaasee walgahicharratti akka jedhanitti, yaa’ichi waltajjii abbootii fi hoggantoota amantaa walitti qabu qofa osoo hin taane, seenaa biyyattii, yaada uummataa fi fedhiiwwan waloo kan itti yaadatamuu fi itti mari’atamuu dha.Imalli Yaa’ichaa waggoota 15 ibsituu beekumsa, ogummaa, hubannoo fi waliin jireenyaa ta’ee itti fufuu eeruun, dhaabbileen amantaa barsiisa isaanii, ayyaana hafuuraa fi tokkummaa isaanii akka qabeenyaatti fayyadamuun biyyaaf waliin dhaabbachuu fi waliin mari’achuun dudhaa guddaa dhaloota dhufuuf darbuu dha jedhaniiru.Itiyoophiyaan biyya yaada, humna, dhiigaa, dafqaa fi kadhannaa dhaloota walitti fufaniin ijaaramtee fi dhaabbileen amantaa waggoota dheeraaf naamusaa fi amala gaarii uummataa bocuun, bu’uuraalee hawaasummaa ciccimoo biyyattii keessaa tokko ta’uu eeraniiru.Dhaabbileen amantaa dhaloota keessumaa daa’immanii fi dargaggoota aadaa fi amala badaa irraa eeguun, dhaloota biyyaafii qalbiisaaf dhaabbatu ijaaruurratti itti gaafatamummaa olaanaa qabu jedhan.Akkasumas, gochaalee aadaa, safuu, naamusaa fi qalbii Oromoo fi Itiyoophiyaanotaa faallaa ta’an kanneen akka badii, saamichaa fi gara jabinaa akka hin babal’anne barsiisuu, akeekuu fi sirreessuun hojiiwwan dursaa dhaabbilee amantaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.Hoggantoonni amantaa yeroo rakkoo fi abdii kutannaa madda jajjabinaa, akkasumas yeroo garaagarummaan uumamu marii, tumsa, dhiifamaa fi araaraa kan dabarsan ta’uu ibsanii, maqaa amantaatiin gochoonni fiinxaleessummaa raawwataman faallaa kaayyoo qulqulluu amantaa akka ta’an ibsaniiru.Adeemsa marii biyyaalessaa dhiyeenya kana gaggeeffamerratti bakka buutonni dhaabbilee amantaa gahee olaanaa bahuu isaanii kan eeran Pireezidaant Taayyee Atsiqa-Sillaaseen, yaalii waliigaltee biyyaalessaa fi nageenya deebisuuf taasifame keessattis gaheen dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.Mariin biyyaalessaa dhugaa, dhiifamaa fi waliigaltee irratti akka hundaa’u, akkasumas lammiileen Itiyoophiyaa hundi yaada isaanii bilisaan akka qooddatan taasisuurratti gaheen itti fufiinsa qabu dhaabbilee amantaa murteessaa ta’uu eeraniiru.Kunis nageenya waaraa fi guddina biyyaalessaaf bu’uura cimaa akka uumu ibsaniiru.Guddinaa fi misooma biyyaalessaa deeggaruun itti gaafatamummaa siyaasaa qofa akka hin taane kan ibsan Pireezidaantichi, qaamni hawaasaa hundi ijaarsa biyyaarratti gahee isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.Mootummaan gahee dhaabbileen amantaa nageenya waaraa, tokkummaa hawaasummaa fi guddina biyyaalessaa waliigalaa keessatti qaban hubachuun, bilisummaa dhaabbilee amantaa eeguu fi hojii isaanii itti fufsiisuuf tumsa, qindoominaa fi deeggarsa barbaachisaa ta’e akka kennus mirkaneessaniiru.Yoonaas Geetinnatiin#Oromia #Ethiopia