Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC)- Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa injifannoo seena qabeessa galmeessiseera jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Mahaammad Idiriis.Ayyaanni hundeeffama Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waggaa 15ffaa fi Yaa’iin idilee Waliigalaa 18ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Obbo Mahaammad Idiris waltajjicharratti akka jedhanitti, Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa waggoota 15 darban keessatti waloomaa fi waliin jireenya cimsuu, akkasumas nageenya mirkaneessuuf hojiiwwan hedduu hojjeteera.Dhaabbatichi tokkummaa, tumsaafi michummaa uummata Itiyoophiyaa cimsuuf taasifamaa ture keessatti deeggarsa taasisuun, akkasumas carraaqqiiwwan kanneen bu’a qabeessa gochuu keessatti gahee olaanaa taphateera jedhan.Yaa’ichi waggoota 15 darban keessatti fakkeenya waliin jireenyaafi nageenyaa ta’uu yaadachiisanii, kanaanis seenaa guddaa galmeessisuu dubbataniiru.Ergamaa nageenyaafi tokkummaa cimsuu irratti qabu dabalataan Komishinii Marii Biyyaalessaaf ajandaalee dhiyeessuun gumaacha bahachuu kaasanii, Kunis dhaabbatichi biyyaafi uummataaf gahee fi itti gaafatamummaa olaanaa akka qabu kan agarsiisu ta’uu ibsan.Garaagarummaa irra dhimmoota waloo irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisanii, dhaabbanni kun hunda caalaa eenyummaa nageenya, dhugaa fi haqaaf fakkeenya ta’u ijaaruun uummata hogganuu akka qabu dhaaman.Waltajjicharrattis, imala waggoota 15 dhaabbatichaa gamaaggamuun, cimina jiru caalaatti cimsanii itti fufsiisuu, hanqinoota mul’atan immoo sirreessuun ergama dhaabbatichaa daran cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.Mikiyaas Ayyaalaan.#Oromia #Ethiopia