Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC) — Mariin Biyyaalessaa waltajjii seena qabeessa dhaloota dhufuuf garaagarummaan furmaata kan argatu mariidhaan ta’uu hubachiisee dha jedhe Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Sivilii.Pirezidaantiin Mana Marichaa Ahimad Huseen, akka ibsanitti, adeemsi Marii Biyyaalessaa bu’aa isaa irra darbee adeemsa dhaloota itti aanuuf barumsa guddaa kennudha.Walgahiin qaamolee hawaasaa ilaalcha garaagaraa qaban hirmaachise kun, yaadawwan adda addaa kan itti calaqqisan ta’uu ibsuun, ajandaa waggoota dheeraaf gara waliigaltee dhabuu fi walitti bu’iinsaatti geessaa turan irratti gadi faggeenyaan mari’atamuu himaniiru.Adeemsa mariichaa keessatti, hirmaattonni ilaalcha, fedhii fi yaaddoo isaanii bilisaan ibsachuu, akkasumas yaadawwan murtee garaagaraa dhiyeessuu isaanii eeraniiru. Ajandaawwan hedduu irratti waliigaltee irra ga’uun, ajandaa muraasa irratti ammoo yaadawwan filannoo dhiyeessuu isaanii ibsaniiru.Hirmaattonni biyyaafi dhaloota dhufuuf yaaduun, ilaalcha duraan qaban tokko tokko jijjiiruun gara waliigalteetti dhufuu isaanii kan ibsan Ahimad Huseen, yaa’iin kun bu’a qabeessa ta’uu fi garaagarummaan waan uumamaa ta’ee, furmaanni isaas marii qofa ta’uu dhaloota dhufu kan hubachiisedha jedhaniiru.Yaadawwan Marii Biyyaalessaa irraa argaman imaammataa fi seeraaf akka galteetti hammatamuu eeruun, hojiirra oolmaa isaanii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siviliis gahee irraa eegamu ba’achuuf qophii ta’uu dubbatan.Walitti bu’iinsaa fi filannoo humnaa fudhachuu irra, walitti dhiyaatanii mari’achuun carraaqqii, obsa fi bilchina guddaa kan gaafatu ta’uu hubachiisaniiru. Yaada walitti bu’iinsaa jijjiiruun, furmaata argachuun kan danda’amu mariidhaan ta’uu hubachuun murteessaa ta’uu addeessaniiru.Dabalataanis, hawaasa hiyyummaa keessaa baasuuf, nagaan socho’ee hojjechuu, daldaluu fi oomisha isaa gabaa irratti gurguruu akka danda’uuf marii fi waliigaltee filachuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia