Ijiptii keessatti itti fayyadamni fi bulchiinsi bishaanii qisaasaaf kan saaxilamee dha

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC) – Ijiptii keessatti itti fayyadamiinsiifi bulchiinsi bishaanii badiisa guddaaf saaxilamaa jira jechuun miseensi garee marii sadeenii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa duraanii, akkasumas qorataan qabeenya bishaanii Obbo Faqii Ahimad Nagaash ibsan.Obbo Faqii Ahimad Nagaash akka jedhanitti, gaarreen dhedheeroo fi sululawwan Itiyoophiyaa gadi fagoo ta’an bishaan kuusuuf mijatoo dha.Bishaan naannolee qabbanaa’oo kanneen keessatti kuusuun biyyoota yaa’a laga Abbayyaa irratti argamaniif faayidaa guddaa qaba jedhan.Haala kana Ijiptitti Hidha Aswaan naannoo gammoojjtti ijaaramee bishaan baay’inaan hurkisuun qisaasu waliin walbira qabuun ibsaniiru.Hidha Aswaan irraa waggaatti qofa bishaan meetir kiyuubiin biiliyoona 15 hanga 16 ta’u hurkuun akka badu ibsaniiru.Bishaan sululawwan Itiyoophiyaa gadi fagoo, dhiphoo fi naannoo haala qilleensaa mijataa qabu keessatti kuusuun hamma bishaanii hurkaan badu hir’isuuf akka gargaaru ibsaniiru.Kuusaan bishaanii inni guddaan Itiyoophiyaa keessa ta’uun bishaan ho’aan hurkuun baduu danda’u hedduu baraaruun alattis, hammi bishaanii biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gara gadiitti gadhiifamu amansiisaa fi tasgabbaa’aa akka ta’uuf gargaara jedhan.Bara 2005, yeroo Ijiptii lolaa cimaaf saaxilamtee turte, injiinaroonni biyyattii sarara “Western Spillway” jedhamu banuun bishaan meetir kuubiin biiliyoona hedduutti lakkaa’amu gara Sulula Tuushkaaatti akka yaa’u gochuu isaanii yaadachiisaniiru.Kunis dandeettiin Itiyoophiyaan bishaan kuusuuf qabdu haalaan dabaluun qisaasama bishaanii daangaa malee yaa’a laga Abbayyaa irratti mudatu hir’isuuf, akkasumas bu’uuraalee misoomaa biyyoota yaa’a laga gara gadii jiran balaa lolaa irraa ittisuun akka danda’amu agarsiisa jedhan.Walumaagalatti, bishaan sululawwan gaarreen Itiyoophiyaa keessatti kuufamu dabaluun, hamma bishaanii waggaa waggaadhaan Ijiptii fi Sudaan keessatti badu haalaan hir’isuuf akka dandeessisu hubachiisaniiru.Faayidaan kuusaalee bishaanii Itiyoophiyaa bishaan eegu qofa irratti kan daangeffame akka hin taanees ibsaniiru.Bu’uuraaleen misoomaa humna ibsaa elektirikaa bishaanii Itiyoophiyaa fedhii biyya keessaa caalaa humna elektirikaa qulqulluu fi gatii madaalawaan biyyoota yaa’a laga Abbayyaa gara gadii jiraniif akka argamsiisan carraa uumu jedhan.Tumsi damee anniisaa akkanaa biyyoota yaa’a laga Naayil gidduu jiru, tumsa diinagdee biyyoota kanneen gidduu jiruuf dandeettii dabalataa akka ta’e ibsaniiru.Faayidaalee gama hedduu kanneen irraa fayyadamuuf, laga Naayil irratti fayyadamummaa waloo fi walamantaa irratti hundaa’eef tumsi cimaan biyyoota laga Naayil gidduutti uumamuu qaba jechuu isaanii IOI gabaaseera.