Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Akka yaada hayyoonni damee barnootaa kennaniitti, qormanni agarsiistuuwwan qulqullina barnootaa keessaa tokko. Haalawwan biroon qabxii qormaataa irratti dhiibbaa godhan jiraatanis, sirni barnotaa biyya tokoo qulqullina qabaachuu fi dhiisuun isaa firii qabxii barattootaan mirkanaa’uu danda’a kan jedhan jiru.Qulqullini barnootaa yaada bal’aa fi kallattii baay’ee of keessaa qabu ta’us, qabxiilee murteessoon irratti hundaa’uu fi sadarkaa idil addunyaatti fudhatama argatan shan akka jiran ragaaleen ni mul’isu.Isaanis: cimina barattootaa, qulqullina haala naannoo barumsaa, qulqullina qabiyyee barnootaa qabu adeemsa barnootaa qulqullina qabu fi bu’aawwan qulqullina qaban dha.Biyya keenyattis seenaa qormaata kutaa 12ffaa Itoophiyaa keessatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sirni qormaataa haaraan tekinooloojiin deggeramuun hojiirra ooleen yeroo jalqabaaf barattoonni hedduun gara sadarkaa itti aanuutti darbuu dadhabanis, tarkaanfiin kun dhaloota ga’umsa qabuu fi biyya ceesisuu danda’u, akkasumas sadarkaa idil addunyaatti guddina saayinsii fi tekinlloojii jiru keessatti dorgomaa ta’e horachuuf irratti akka xiyyeeffate beekamaa dha.tarkaanfii mootummaan fudhate kana hordofee adeemsi baruu fi barsiisuu fooyyessuun hojii hojjetameen baay’inni barattoota waggaa waggaan darbanii kan bara jaqabaa irraa jijiirama guddaa argisiisaa dhufeera.Bara 2014 barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa fudhatan keessaa %3.3 qofti kan darban yoo ta’u, lakkoofsi kun suuta suutaan dabalaa dhufee bara baajetaa darbe 2018 kanatti gara % 12.8tti ol guddateera.Kunis tarkaanfii mootummaan gama kanaan fudhachaa jiru bu’aa fidaa jiraachuu akka argisiisu himama.Tarkaanficha keessatti barattootni sirnaan akka qophaa’an gargaaruun, tooftaan qormaataa karaa qulqulluu ta’ee fi eegumsa qabuun tekinooloojiin deggeramee geggeeffamuun, ga’umsaa barsiisotaa fi adeemsa kenniinsa barmnootaa fooyyessuun, akkasumas deggersi maatii fi koreewwan maati, bulchiinsa manneen barnootaa fi caasaalee barnootaa aanaa irraa hanaga sadarkaa biyyaatti jiranii irratti hojiin hojjetame bu’aa fooyya’aa dhufe kanaaf ga’ee guddaa taphataniiru.Keessumaa galmee barattootaa yeroon geggeessuu irraa eegalee meeshaaleen barnootaa yeroon barattoota qaqqabuu fi naannoon manneen barnootaa miijataa akka ta’uuf hojiin hojjetame jijjiirama kanaaf sababa ta’uutu himama.Mannen barnootaa bu’uura boruu irraa eegaluun haaraan ijaaramaa jiranii fi sadarkaa manneen barnootaa kanaan dura turanii fooyyessuunis bu’aa argameef gumaacha guddaa fideera.Ammas manneen barnootaa barataa tokkoollee dabarsuu dadhaban hedduun waan jiraniif, jijjirama argamaa dhufe itichaa, haalota gufuu adeemsa baruu fi barsiisuu buqqisuuf qindoominaan hojjechuun, qulqullinni barnootaa darbees firiin qormaataa kana caalaa akka fooyya’uuf hojjechuun barbaachisaa dha.Kanaafis rakkoolee naannoo manneen barnootaa qaxii gadi aanaa galmeessaa jiranii adda baasuun irratti hojjechuu, bulchiinsonni barnootaa sadarkaa sadarkaan jiran rakoolee qabatamnoo akkaataa isaaniin jiran adda baasuun furmaata itti kennuu, mala baruu fi barsiisuu sadarkaa gadii irraa eegaluun fooyyesuu fi deggersaa fi hordoffii wal irraa hincinne kennuu, tarkaanfiiwwan ga’umsaa fi naamusa barsiisotaa fooyyessan itti fufiinsaan fudhachuu fi bu’uuraaleen misoomaa fi meeshaaleen barnootaa haqaan akka walga’aniif hojjechuun barbaachisaa dha.Maatii irraa eegalee hawaasni naannoos dhimma baruu fi barsiisuu irratti abbummaan hojii hojjechaa jiru caalamaatti cimsuun naamusa barattootaa sirreessuu irraa eegalee waan irraa eegamu hindaan hawaasa manneen barnootaa bira dhaabatee deggeruun itti gaafatamummaa guddaa seenaan irraa barbaaduu dha.Takaanfiiwwan Mootummaan Ida’amuu rakkoo sirna barnootaa furuun dhaloota ga’umsa qabu horachuuf fudhachu eegale kun kana caalaatti bu’aa eegamu akka fiduuf qooda fudhattoonni hundi dirqama isaanii yoo sonaan ba’an, yeroon firii gaariin itti dhandhamamu dhiyoo ta’a.Yoonaataan Biraanuutiin#Oromia #Ethiopia