Itti gaafatamummaa nuuf kenname sirnaan ba’uun, faayidamummaa ummata magaalichaa mirkaneessuuf kutannoon ni hojjenna – Kantibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 25, 2018 (FMC) –Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee karoora tarsiimawaa waggoota shanan itti aananii fi karoora bara 2019 irratti marii guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumureera.Amantaa fi itti gaafatamummaa jiraattoonni magaalichaa nutti kennan sirnaan raawwachuun fayyadamummaa ummata magaalchiaa caalmaatti guddisuuf qophummaa uumnerra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.Milkaa’ina karoora keenyaa keessatti bu’uura kan ta’an, bu’aa waggoota shanan darban keessa karoorfanne xumuruun, fedhii uummataa fi mootummaa hiyyummaa keessaa ba’uuf qaban, cimina hojii magaalaa keenya keessatti uumame, amanamummaadhaan tajaajiluu, haala rakkisaa kamiyyuu keessatti hojii saffisaa fi qulqullinaan raawwachuuf muuxannoo horanne, akkasumas baajata qusannaan itti fayyadamuun galaa guddaa nuuf ta’u jedhan.Qindaa’inni karoora keenyaa ilaalcha tarsiimawaa kan qabu yoo ta’u, mul’ata keenya galmaan ga’uuf karoorfachuu fi hojiitti hiikuu, akkasumas karoora hiixaataa, hunda hammataa, haqa qabeessa fi hirmaachisaa ta’e akka qabaannu gochuudha.Misoomni mootummaa qofaan waan hin milkoofneef jiraattoonni magaalichaa hundi, qooda fudhattoonni, dameewwan dhunfaa miira yeroo hin qabnuun aadaa 24/7 raawwachuu caalmaatti guddisuun karoora magaalichaa milkeessuuf hojjechuu qabna jechuun waamicha dhiyeessan.#Oromia #Ethiopia