Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC)- Kabajni guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi Uummattootaa Itiyoophiyaa nageenya waaraafi misoomaaf qooda olaanaa qaba jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.Koreen qindeessituu kabaja guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 21ffaa karoora kabaja guyyichaa irratti waltajjii marii gaggeessaa jira.Obbo Aganyahu Tashaagar wayita kana, guyyichi Saboonni, Sabalammoonniifi Uummattoonni muuxannoo fi aadaa isaanii akka waliif qoodaniif akkasumas tokkummaa cimsuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.Nageenya waaraa, misoomaafi guddina diinagdeef akka hojjetaniifi walitti hidhamiinsa uummattootaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.Guyyichi barii Filannoo waliigalaa 7ffaafi marii biyyaalessaa dabalatee taateewwan biyyaalessaa abdii uuman gaggeeffamanitti kabajamuun isaa adda isa taasisa jedhaniiru.Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 21ffaan magaalaa Jimmaatti kabajama.Guyyichi taateewwan gurguddoo biyyaalessaa misoomaafi ijaarsa diimokiiraasii waliin hidhata qabaniin dabaalamee akka kabajamu obbo Aganyahu ibsuu isaanii ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia