Finfinnee, Fulbaana 1, 2018 – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa kabaja hundeeffama isaa waggaa 15ffaa fi Yaa’ii Waliigalaa idilee 18ffaa har’a gaggeessuu jalqabeera. Yaa’icharratti Pireezidaantii Rippabiliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa Taayyee Atsiqasillaasee dabalatee, abbootii amantaa, itti gaafatamtoonni mootummaa olaanoo fi dhaabbileen michuuwwanii argamaniiru.Yaa’ichi har’a dabalatee guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa waggoota darban keessatti duudhaa nageenyaa cimsuu, waliin jireenya amantaa hedduu jajjabeessuu, maqaa gaarii biyyattii ijaaruu akkasumas dhimmoota biyyaalessaa fi hawaasummaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera; hojjechaas jira.Yaa’ii waliigalaa idilee 18ffaa kanarrattis imala waggoota 15 darban keessatti taasifame, bu’aawwan argaman fi hojiiwwan gara fuulduraatti hojjetamuu qaban irratti ni mari’atamaan eegama.#Oromia #Ethiopia