Mariin biyyaalessaa waliigaltee waloo cimsuun garaagarummaa mariin furuuf carraa bal’aa uumeera – Hirmaattota marii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliigaltee waloo cimsuu fi biyya fooyya’aa ijaaruuf abdii guddaan itti kenname, riqicha seenaa ta’uu hirmaattonni mariichaa ibsan.Yaa’ii Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti gaggeeffamaa jiru keessatti bakka bu’oonni uummataa kuma 4 ta’an dhimmoota ijoo biyyaalessaa saddeet irratti waliigaltee waloo uumuuf marii gadi fagoo fi hirmaachisaa gaggeessaa jiru.Hirmaataan yaa’ichaa, Itti gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Ustaaz Abuubakar Ahmad, mariin biyyaalessaa dhimmoota kanaan dura itti walii hin galamne irratti mari’achuun gara furmaataatti dhiyaachuuf carraa kan uumu ta’uu ibsan.Taateen kun seenaa waraanaa fi wal-dhabdee biyyattiin keessa turte irraa gara haala marii fi waliigalteen rakkoolee furuun nagaa mirkanaa’eefi misoomaa fiduutti kan geessu riqicha seenaa addaa ta’uu himaniiru.Mariin biyyaalessaa hawaasa ilaalcha, yaada fi akkaataa jireenyaa garaagaraa qabu gidduutti walitti dhufeenya uumuu fi wal hubachuuf carraa bal’aa uumeera jedhaniiru.Hirmaattuun marii biroon, Meerii Dastaa, gama isaaniitiin, hirmaattonni marichaa yaada isaanii bilisaan ibsachuu akka danda’an haalli mijataan jiraachuu dubbatan.Mariin biyyaalessaa kun dhaloota dhufuuf biyya tokkummaan ishee cimee fi badhaate dabarsuuf carraa seena qabeessa ta’uu ibsaniiru.Hirmaataan marii biroon, Abrahaam Hayilee, mariin biyyaalessaa kun sadarkaa ajandaa walitti qabuu irraa eegalee hanga ammaatti qaamolee hawaasaa hunda kan hammatee fi hirmaachisaa ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia