Oromoof lafti lafeedha- Dooktar Abiy Ahmad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 1, 2018( FMC)- Ministirri Mummee Dooktar Abiy Ahimad Oromoof dhimmi lafaa dhimma diinagdee qofa akka hin taane ibsan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad turtii OBN waliin taasisaniin, qabsoon uummata Oromoo jaarraa tokkoo oliif kan ture ta’uu yaadachiisanii, qabsichi bakka tokkotti jalqabee achitti kan dhaabbate miti jedhan.Oromoon, fedhiifi yaadni isaa bal’aa ta’uu eeranii, gaaffiin isaas haguma sana akka bal’atu ibsan.Sababoota qabsoo uummata Oromoo bakka sadiitti qoodanii ilaaluun akka danda’amu ibsuun, kan jalqabaa gaaffii diinagdee ta’uu kaasan.Abbaan lafummaa isaa mirkanaa’ee humna isaan hojjetee fedhii qabeenya isaatti fayyadamuun naannawaafi biyya isaa jijjiiruu qaba ture jedhan.Haa ta’u malee galteen misoomaaf ta’u laftii fi humni isaa irraa saamamee akka ture yaadachiisan.Hariiroo Oromoon lafa wajjiin qabu diinagdee qofaan kan hin daangofne ta’uus ibsaniiru.Akkuma Oromoon lafti lafeedha jedhu, akkaataa uummatichi itti lafa filatu, lafa adda baafatu,fi qabatu dhugumatti Oromoof lafti lafee ta’uu mirkaneessa jedhaniiru.laftisaa kun saamamee akka ture yaadachiisuun, adeemsa keessa hangi ta’e gaaffiin lafaa ijoollee isaan deebii argachaa dhufuu eeraniiru.Haa ta’u malee hanga ammaatti gaaffichi guutummaatti deebii akka hin arganne dubbataniiru.Heerri mootummaa biyyattii lafti kan mootummaa fi uummataati haa jedhuyyuu malee qonnaan bulaan wayita lafasaarraa buqqa’u abbaa lafummaan isaa mirkanaa’eefi of tiksuu hin dandeenye; lafa isaas eeggachuu hin dandeenye jedhan.Gaaffileen Oromoo kunneen yeroo ammaa deebii argachaa kan dhufan ta’uus hubachiisaniiru.