Finfinnee, Hagayya 1, 2018 (FMC) – Fayyadamummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan shiraan dhabde mirkaneessuun gaaffii dhalootaati jedhan jiraattonni Magaalaa Finfinnee.Jiraattonni kunniin Faanaa Diijiitaaliitti akka himanitti, Itiyoophiyaan tumsa gantoota keessaa fi humnoota alagaa gidduutti taasifameen ulaa galaana dhabuu isheetiin gatii guddaa kaffalaa jirti.Keessumaa galteewwan qonnaa akka xaa’oo fi oomishaalee biroo hamma barbaadamuun galchuu irratti rakkoon guddaan akka mudate ibsaniiru.Jiraattota kanneen keessaa Obbo Misgaanuu Abbichee akka jedhanitti, fayyadamummaa ulaa galaanaa mirkaneessuun oomishaalee barbaachisan salphaatti galchuu fi gara alaatti erguuf carraa ni uuma.Amma Itiyoophiyaan kiraa buufata doonii kaffaluuf baasii guddaa baasaa jirti kan jedhan Obbo Misgaanuun, tattaaffii mootummaan gaaffii dhalootaaf deebii kennuuf eegale jajjabeeffamuu akka qabu dubbataniiru.Jiraattuun biraa Aadde Maaschaal Kaadareek gamasheetiin, karaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde yeroo hunda nama gaabbisiisa jetteetti.Qabeenya ofii waliigaltee malee dabarsitee kennuun dogoggora guddaa tures jedhan.Mootummaan yeroo ammaa fayyadamummaa ulaa galaanaa mirkaneessuuf hojiin jalqabe dinqisiifamuu kan qabu ta’uu ibsanii, kunis gaaffii ummanni waggoota dheeraaf kaasaa tureef deebii kan kennu ta’uu eeraniiru.Jiraataan biraa Obbo Haayila Iyyeesuus Yismaawu gamasaaniin, rakkoon ulaa galaanaa dhabuu Itiyoophiyaa mudate jechootaan ibsuun salphaa miti jedhan.Ulaa galaanaa fayyadamuun ta’uun bu’aa hedduu kan argamsiisu ta’uu ibsanii, hojii jalqabame milkeessuuf Itiyoophiyaanonni hundi tokkummaa fi tumsa isaanii cimsuun hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.Immabeet Siisaayiin#Oromia #Ethiopia