Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan seenaa isheetiin ibsituu bilisummaa fi tokkummaa Afrikaanotaa taatus, qormaatawwan keessaa fi alaa yeroo garaagaraa ishee mudatan damee dippilomaasii keessatti ajandaa biyyoota biroo akka fudhattuu fi ilaalcha hirkattummaa keessa akka turu taasisaa turaniiru.Haa ta’u malee, Imaammanni dhimma alaa haaraan waggoota dhiyoo keessatti qophaa’e falaasama Ida’amuun kan hogganamu, Itiyoophiyaa hirkattummaa fi ajandaa biyyoota biroo fudhachuu irraa baasuun, seenaa, guddina fi saffisa guddina diinagdee fi hawaasummaa yeroo ammaa ishee madaaluun dhiibbaa tarsiimawaa uumuu dandeessu taasiseera.Kallattii dippiloomaasii haaraan kun Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa irratti carraa ishee ofiin murteessuu fi faayidaa biyyaalessaa ishee bu’uura cimaa irratti kabachiisuu akka dandeessu taasisaa jira.Imalli dippilomaasii haaraan kun utubaawwan gurguddoo afur irratti kan hundaa’e yoo ta’u, innis hirmaannaa dammaqaa, dippiloomaasii filannoo, jijjiiramatti of madaqsuu fi deebii hojii irratti hundaa’e kennuu, akkasumas ajandaa bocuudha.Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa fi ardichaa irratti ilaaltuu qofa ta’uu irraa kaatee, sagalee ishee dammaqinaan dhageessisaa fi murtoowwan irratti dhiibbaa uumtu taatee jirti.Gaanfa Afrikaa keessatti nageenyaa fi tasgabbii eeguufi eegsisuurra eegalee, waltajjiiwwan ardichaa fi idil addunyaa irratti hirmaannaan ishee bu’uura kanaa agarsiisa.Dippilomaasii garee tokko ykn fedhii kutaa siyaasaa tokko qofaan daangeeffamuu irraa ce’uun, Itiyoophiyaan hariiroo dippiloomaasii bal’aa fi filannoo garaagaraa kan faayidaa biyyaalessaa irratti hundaa’e hordofaa jirti.Haalli kun biyyoota Bahaa fi dhihaa keessatti argaman waliin hariiroo ishee cimsuu fi filannoowwan ishee babal’isuuf gargaareera.Haala ji’oopoolitikaa addunyaa yeroo yeroon saffisaan jijjiiramu ogummaa fi hubannoon hordofuun, Itiyoophiyaan haala jiru waliin of madaqsuu, faayidaa ishee osoo hin dabarsiin tarsiimoo jijjiiramaa fi deebii saffisaa qabu fayyadamuuf dandeettii horachaa jirti.Hunda caalaa, Itiyoophiyaan fedhii fi ajandaa biyyoota biroo callistee fudhachuu irra, ajandaa faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuu fi naannawichaafis bu’aa qabu qopheessitee dhiyeessuu fi waltajjii addunyaa irratti dhiibbaa uumuu dandeessu taateerti.Hojiiwwan dippiloomaasii Mootummaan Ida’amuu hojiirra oolche, qajeeltoowwan afran kanaaf fakkeenya.Biyyattiin dhiibbaa keessaa fi alaa ishee mudate ogummaa dippilomaasiin dandamachuun tokkummaa fi faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuu dandeesseerti.Fakkeenyaaf, Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uu danda’uun ishee dippilomaasii filannoo fi ajandaa bocuu keessaatti agarsiiftuu olaanaadha.Milkaa’inni kun qindoomina madaallii humna addunyaa haaraa keessatti barbaachisummaa tarsiimawaa Itiyoophiyaan qabdu mirkaneesseera.Dabalataaniis, Gaanfa Afrikaa fi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa irratti qajeelfama faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi “rakkoolee Afrikaa Furmaata Afrikaan” jedhu hordofuun, gahee ajandaa bocuu Itioophiyaan qabdu ifatti agarsiiseera.Mariin Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa irratti gaggeeffamee fi milkaa’inni argame Itiyoophiyaan dhiibbaa biyyoota biroo dandamachuun faayidaa biyyaalessaa ishee ajandaa mataa isheetiin akkamitti kabachiisuu akka dandeessu kan agarsiise taatee seenaa keessatti galmaa’eedha.Akkasumas, waltajjiiwwan idil addunyaa garaagaraa irratti yaadota jijjiirama qilleensaa fi misoomaAshaaraa Magariisaa ilaalchisee dhiyeessite, sadarkaa ardichaatti fudhatama argachuun ajandaa ta’uu danda’eera.Itiyoophiyaan sadarkaa dippilomaasii haaraa kana itti fufiinsaan eeguuf dandeettiiwwan keessoo ishee bu’uura cimaa irratti ijaarachaa jirti.Imaammanni dhimma alaa kamiyyuu dandeettii keessaa cimaa malee bu’a qabeessa ta’uu akka hin dandeenye hubachuun, Mootummaan Ida’amuu dameewwan gurguddoo sadii irratti xiyyeeffannoo kenneera.Tokkoffaan, guddina dinagdee mirkaneessuudha. Oomishtummaa biyya keessaa guddisuu, fooyya’iinsa diinagdee gooroo hojiirra oolchuu, akkasumas dameewwan turizimii fi indaastirii dammaqsuun deeggarsa dippilomaasii ta’eera.Lammaffaan, dandeettii ittisaa guddisuudha. Birmadummaa biyyaalessaa haala amanamaa ta’een eeguu fi naannawichatti wabii nageenyaa cimaa ta’anii itti fufuuf dandeettiin ittisaa ammayyaa fi sirnaan gurmaa’e ijaaramaa jira.Sadaffaan, dandeettii hariiroo ummataa fi teeknooloojii ijaaruudha. Biyyoota ollaa fi hawaasa idil addunyaa waliin hariiroo ummataa cimsuu, akkasumas dippilomaasii dijitaalaa fi dabarsa teeknooloojii bal’inaan fayyadamuun, biyyattiin karaa guddinaa saffisaa irra akka deemtu gargaaraa jira.Imaammanni dhimma alaa Mootummaa Ida’amuu Itiyoophiyaa, guddina seenaa ishee fi sadarkaa guddinaa yeroo ammaa irra geesse waliin kan walsimu, marsaa tarsiimawaa haaraa baneera.Qajeeltoowwan gurguddoo afran dammaqinaan hirmaachuu, filannoo qabaachuu, jijjiiramatti of madaqsuu fi ajandaa bocuu Itiyoophiyaan dhiibbaa alaa fi hirkattummaa irraa bahuun dandeettii akka horattu taasiseera.Milkaa’inni dippilomaasii Mootummaan Ida’amuu galmeesse dhugaa kana hojiirra oolmaan mirkaneesseera.Dandeettiin diinagdee, ittisaa fi teeknooloojiin ijaaramaa jiru ammoo dhiibbaa tarsiimawaa kana itti fufsiisuuf bu’uura amanamaa ta’ee, Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti akka ceetuuf gargaara.Itiyoophiyaan imala of danda’uu tarsiimawaa fi olaantummaa dippilomaasii amma jalqabde cimsitee itti fufuun, waltajjiiwwan ardichaa fi idil addunyaa irratti bakkaa fi gahee qabdu caalaatti guddisuufsaffisaan imalaa jirti.