Finfinnee, Hagayya 7, 2018 (FMC) – Gocha ajjechaa fi ukkaamsa murni seeraan alaa ABUT dargaggoota irratti raawwachaa jiru dhaabuuf humnoonni jijjiirama barbaadan murannoon qabsa’uu akka qaban Paartiin Diimokiraatawaa Simirat Tigraay hubachiise. Paartiin Diimokiraatawaa Simirat Tigraay ibsa haala yeroo naannichaa ilaalchisee baaseen, humnoonni jijjiirama barbaadan umurii hacuucaa kana gabaabsuuf tattaaffii jalqabame cimsuu akka qaban hubachiise. ABUT bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa irratti bu’uureffamuun hundaa’ee diiguu bira darbee, dhimma raawwataa humnoota alaa ta’uun naannoo Tigraay rakkoo keessa galchaa jira jechuun paartichi ibse. Gareen seeraan alaa kun jalqabumaa kaasee waliigalteen Piriitooriyaa akka hin hojiirra oolleefi adeemsi nageenyaa akka hin cimneef gufuu ta’ee turuu ibsi paartichaa yaadachiiseera. ABUT faayidaa garee dhuunfaa isaa irraa kan hafe faayidaa uummataaf kaayyoo kamiyyuu akka hin qabne hojiin mirkanaa’eera jechuun Paartichi ibseera. Yeroo ammaa sochii waraanaa gaggeessaa jiraachuun isaa gareen kun faayidaa uummataa osoo hin taane faayidaa mataa isaa qofaaf kan hojjetu ta’uu isaa akka mirkaneessu ibsi paartichaa agarsiise. Gareen nageenya danqu kun bulchiinsa yeroo naannichaa humnaan erga to’atee booda, ergama Shaabiyaa irraa kenname hojiirra oolchuuf seerota dargaggootaa fi uummata ukkaamsan baasuun faayidaa dhuunfaa isaa galmaan ga’uuf gara sirna ukkaamsaatti guutummaatti seeneera jechuun paartichi himate. Paartiin Diimokiraatawaa Simirat Tigraay dargaggoota dirqamaan walitti qabee gara waraanaatti ergaa jiraachuu eeruun, kanaan dargaggoota Tigraay lafaa fi biyya isaanii keessatti karaa seensaa fi ba’iinsaa dhabsiisuun naannicha dargaggoota irraa duwwaa taasisaa jira jedhe. ABUT uummata Naannoo Tigraay irratti sochii ukkaamsaa fi ajjeechaa raawwachaa jiruuf seeraan akka gaafatamuuf, lammiileen ragaawwan jiran hunda qabachuu akka qaban Paartiin Diimokiraatawaa Simirat Tigraay hubachiise. Humnoonni jijjiirama barbaadan gurmaa’uun qabsaa’anii, umurii garee hacuucaa kanaa gabaabsuuf qabsoo jalqabame cimsanii akka itti fufan Paartichi waamicha dhiyeesseera. Mootummaan federaalaa fi hawaasni addunyaa garee nageenya mormu kana dhabamsiisuu fi seeratti dhiyeessuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf deeggarsa isaanii akka cimsanillee paartichi gaafateera.#Oromia #Ethiopia