Finfinnee, Hagayya 3, 2018 (FMC) – Mariin Biyyaalessaa bu’uura nagaa waaraa kan kaa’u ta’uu bakka bu’oonni hawaasa diyaaspooraa fi dhaabbilee hawaasa sivilii maricha irratti hirmaatan ibsaniiru.Marii Biyyaalessaa irratti bakka bu’aa hawaasa diyaaspooraa ta’uun kan hirmaatan Obbo Li’uulsaggad Abbabaa, marii kana keessatti garaagarummaan yaadaa wal dhaggeeffachuun gara waliigaltee walootti deemaa jiraachuu ibsaniiru.Yaadni waloo marii irraa maddu, garaagarummaa naannolee tokko tokko keessatti sababa walitti bu’iinsaa ta’an furuun, dhaloota dhufuuf nagaa dabarsuu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.Maricha irratti kan hirmaataan, bakka bu’aan hawaasa diyaaspooraa Obbo Geetinnat Lammaa gama isaaniin, Mariin Biyyaalessaa gareewwan marii xixiqqoo irraa kaasee, wal dhaggeeffannaa olaanaa fi adeemsa hirmaachisaa ta’een gaggeeffamaa jiraachuu hubachiisaniiru.Seenaa Itiyoophiyaa keessatti carraa akkasii argatanii akka hin beekne eeruun, mariin kun Itiyoophiyaaf nagaa waaraa fi tokkummaa akka fidu dubbataniiru.Bakka bu’aan dhaabbata hawaasa sivilii ta’uun mari’achaa kan jiran Dassaaleny Kifluu gama isaaniin, Mariin Biyyaalessaa bakka yaadni bilisaan itti dhiyaatuu fi Itiyoophiyaa gara waliigaltee waloo fooyya’aatti ceesisu ta’uu ibsaniiru.Marii kun Waltajjii yaadotni waloo dhaloota dhufuuf biyya nagaa, tasgabbaa’aa fi tokkummaa qabdu dabarsuu dandeessisan itti maddan ta’uu ibsaniiru.“Waliin haasa’uun, mari’achuun fi wal dhaggeeffachuun keenya Itiyoophiyaa gara sadarkaa waliigaltee fooyya’aatti ceesisuu danda’a,” jechuun ibsuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia