Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii har’a xumurama

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 3, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii , marsaa 21ffaan Ameerikaa, Oriigoniitti gaggeeffamaa jiru, har’a xumura isaa ni argata.Itiyoophiyaan hanga ammaatti dorgommiiwwan gaggeeffamaniin warqee 2, meetii 3 fi naasii 1, walumaagalatti medaaliyaa 6 argatteetti.Kanaanis, Itiyoophiyaan sadarkaa 3ffaa qabachuu dandeesseetti.Ameerikaan warqee 8, meetii 6 fi naasii 4, walumaagalatti madaaliyaa 18 argachuun sadarkaa jalqabaa irratti kan argamtu yoo ta’u, Xaaliyaaniin immoo warqee 3 fi naasii 2, walumaagalatti medaaliyaa 5 argachuun sadarkaa lammaffaa irra qabatteetti.#Oromia #Ethiopia