Filannichi aangoo siyaasaa humnaan qabchuun akka hindanda’amne uummanni ergaq kan ittiin dabarsee dha- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 2, 2018(FMC) – Filannoon waliigalaa 7ffaa darbe aangoon karaa nagaa fi diimokiraasiin alatti humnaan qabchuun akka akka hin danda’amne uummanni ergaa kan ittiin dabarse ta’uu Ministirii Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan. Dooktar Abiy Ahimad dhimma haala yeroo naannoo Oromiyaa irratti OBN waliin gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa geggeessan keessatti, ergaan uummanni Itiyoophiyaa sagalee tokkoon nuufis ormaafis dabarse mootummaa naaf ta’u ani filachuu nan danda’a, mirga kana murteessuu nan qaba jedhee ergaa guddaa hunda keenyaaf kan ittiin dabarsee dha jedhan. Uummanni moliyoona 54 buufataalee folannoo kuma 52 ga’u keessatti karaa nagaan ba’ee akkaataa sanaan sagalee isaa kennuun Afrikaafillee fakkeenya guddaa ta’uus kaasaniiru. Kuna malees waggoottan darban keessatti hojiiwwan hojjechuuf yaalleef beekamtii kan ittiin kenneedha jechuun ibsan. Qonni tekinooloojiin deggeramee oomishtummaan isaa dabale jiraachuu fi wanta hafus jabaannee itti fufuun fooyyessuu akka qabnu, jalqabbiin gama hundaan jiru dhalootatti abdii kan horu dha jechuun beekamtii kan ittiin kennee fi dhaamsa hoji-manee kan ittiin nuuf kenneedhas jedhan.Beekamtii kenname akka waan guddaatti ilaalla kan jedhan Dooktar Abiy, waan haaraa inni nurraa barbaadummoo bifa addaan dhama’uunfi dadhabuun guutuuf hojjechuutu nurraa eegama jedhan.Gama biraatiin, filannichi kutannoo uummanni sirna diimokiraasii ijaarrachuuf qabu kan itti argisiise ta’uus hubachiisan.Ba’ee karaa nagaa filadheen jira, waadaa naaf galte ammoo niraawwatta amantaa jedhurraa kan madde ta’uus ibsan.Kun mirgaa fi ittigaafatamummaa walqixxee ilaalee sirnicha ijaarrachuuf kutannoo inni qabu kan argisiisu ta’uus himan.Warra filannichi hinmilkaa’u jechuun alaa fi keessaa boo’aa turaniifis, seenaa haaraa hanga har’aatti hingalmaa’in galmeessuun karaa hirmaachisaa, diimokiraatawaa fi nagaa ta’een filatee ergaa guddaa kan ittiin dabarse ta’uus cimsanii dubbatan.Yoonaataan Biraanuutiin#Oromia #Ethiopia