Finfinnee, Hagayya 5, 2018 (FMC) – Addunyaa har’aa saffisa guddaan odeeffannoo fi teeknooloojiin guddachaa jiru keessatti, sirna dijitaalaa diriirsuun dhaabbata nageenyaa fi tasgabbii tokkoof filannoo qofa osoo hin taane, jiraachuu fi birmadummaa isaa mirkaneessuuf dirqama murteessaa ta’aa dhufeera.Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa, kan nageenyaa fi tasgabbii amansiisaa Itiyoophiyaa har’aa fi boruu eeguuf gahee qabu, yakkoonni walxaxaan teeknooloojii dijitaalaatiin deeggaramanii raawwataman akka hin babal’anne ittisuu fi qorachuu irratti dandeettii isaa guddisuuf tarkaanfiiwwan jijjiiramaa fudhachaa jira.Dhaabbatichi “Digital Ethiopia 2030” jedhu bu’uura godhachuudhaan, hojiiwwan keessoo isaa guutummaatti gara sirna dijitaalaatti ceesisuun, tajaajila poolisii yeroo ammaa wajjin walsimuufi dorgomaa ta’e kennuuf daandii haaraa banee jira.Hojiilee ijoo keessaa tokko sirna bulchiinsa qabeenya namaa ammayyeessuudha. Dhaabbatichi dandeettii teeknooloojii isaa guddisuu bira darbee, kenniinsa tajaajila waliigalaa isaas gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu danda’eera.Gama biraatiin, “Buufata Poolisii Ismaartii Nama Maleessa ” jedhamu, Afrikaatti isa jalqabaa, addunyaatti immoo isa afurffaa ta’e ijaaruun, fakkeenya gaarii ardichaa ta’uu danda’eera.Hojii kanaan walqabatee, guyyaa Guraandhala 3, 2018 galmee dinqisiisoo Afrikaatiin ragaan kabajaa kennameefii jira.Giddugalli ammayyaa Ajajaa fi To’annoo dandeettii odeeffannoo simachuu isaa guddisuun, bara bajataa 2018 keessatti appilikeeshinii hirmaannaa lammiileetiin dhiyaatan keessaa komiiwwan kuma 14 fi 900 ol ta’an keessaa gara kuma 9 kan ta’aniif furmaata saffisaa kennuu danda’eera.Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa dandeettii dijitaalaa fi teeknooloojii isaa guddisuuf Giddugala Leenjii balasiistota Diroonii banuu isaas odeeffannoon dhaabbatichaa ni mul’isa.Gama biraatiin, Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa paatrolii diroonii humna poolisii lafoo waliin qindeessuun, nageenya magaalota gurguddoo sirnaan to’achuu fi eeguuf dandeettii isaa guddisuu danda’eera.Dabalataanis, Yuunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaa waliin ta’uun carraa barnoota olaanaa kennamuun, beekumsa waliigalaa fi dandeettii miseensota isaa ijaaruu, akkasumas galmawwan tarsiimoo dhaabbatichaa gara fuulduraa milkeessuuf gumaacha gochaa jira. #Oromia #Ethiopia