Warri Oromoon abbaa dabareeti jedhanis warri Oromoon waan isaaf malu hin arganne jedhanis yaada siyaasaa gahaa hin qaban- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 2, 2018( FMC)- Warri Oromoon abbaa dabareeti jedhanis warri Oromoon waan isaaf malu hin arganne jedhanis yaada siyaasaa gahaa hin qaban jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gareen lameen kanneen keessaa inni tokko kaleessa saamaa kan ture, inni kaan ammoo warra ana malee jedhudha jedhan.Gareen lameenii dhimma uummataaf kan hin dhimmamne fedhii dhuunfaa isaaniif kan waliin hojjetan ta’uus kaasaniiru.Gareewwan lameen yaada faallaa qabaatanii mootummaa waliin diigna jechuun waloon hojjechaa akka jiranis kaasaniiru.Uummanni Oromoo qe’ee namaa deemee qabeenya namaa saamee hin beeku; saamuufis fedhii hin qabu jedhaniiru.Garee baay’een kan isaa qabatee, kan kee ammoo qooddachuu barbaada kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, kun walqixxummaa jibbuurraa akka maddu kaasaniiru.Nuti walqixxummaaf qabsoofna; jalqabuma irraa wayita eegalu qabsoon Oromoo Walqixxummaafidha jedhanii, walqixxummaarraa bu’aan argama jedhee akka amanus ibsaniiru.