Maddi falaasama Ida’amuu Sirna Gadaati- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 2, 2018( FMC)- Maddi falaasama Ida’amuu Sirna Gadaati jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad falaasamni Ida’amuu faayidaa siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa guddaa fiduu ibsaniiru.Maddi Ida’amuu Sirna Gadaati kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, caaseffamni isaas sirna gadaa ka’umsa kan godhate ta’uu eeraniiru.Sabboonummaa Oromoo karaa badii irraa kan deebisedha jedhanii, sabboonummaan Oromoo kan ijaaramaa ture, boo’uufi boossisuu, ganuu, ofxiqqeessuu, moggaatti of baasuu akka ture yaadachiisaniiru.Falaasamni Ida’amuu Oromoon hanga ga’u; Oromiyaa, Itiyoophiyaafi Afrikaa keessattis gumaacha addaa taphachuu danda’a yaada jedhu fudhatee dhufe jedhan.Kana Malees falaasamni Ida’amuu riifoormii siyaasaa fiduu kaasanii, hunda hammannee hundi abbaan biyyummaa isaanii mirkanaa’ee walqixxummaadhaan biyya hogganuu akka danda’an godheera jedhaniiru.Kunis seenaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atee akka hin beekne ibsaniiru.