Finfinnee, Hagayya 1, 2018 (FMC) – Faawundeeshiniin Raayyaa Ittisaa qooda isaa cimsuu qaba jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan.Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan Faawundeeshinii Raayyaa Ittisaa jalatti gaggeeffamaa kan jiran Gaarmeentiifi Indaastirii Adaamaa, Pirojektii manneen waliin jireenyaa raayyichaa fi Warshaa oomisha baajiifi meedaaliyaa Raayyaa Ittisaa daawwataniiru.Daawwannaa Kanaan pirojektii babal’inaa haaraa Indaastiriin gaarmentii Adaamaa ijarsise eebbisaniiru.Fiild Maarshaal Birhaanu Julaa wayita kana akka ibsanitti, hoggantoonniifi hojjettoonni faawundeeshinichaa bu’aa caaluuf akka hojjetan hubachiisaniiru.Yeroo itti aanutti qulqullina oomishaa fooyyessuun, misooma qorannoofi teeknooloojii babal’isuun, hojiilee diijitaalayizeeshinii cimsuun fi dhiyeessii galtee dandeettii ofiin guddisuun indaastiriin sadarkaa Afrikaatti dorgomaa ta’e akka ijaaramuuf kallattii kennaniiru.Faawundeeshinichi fedhii dhaabbatichaafi biyyaa milkeessuu keessatti qooda isaa cimsuu akka qabus ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia