Finfinnee, Hagayya 5, 2018( FMC)- Mari’attooonni ajandaalee dhimmoota amantaalee fi ijaarsa nageenyaa irratti dhiyeessan irratti waliigalteerra gahaniiru jedhe Komishiniin Marii Biyyaalessaa.Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Komishiniin Marii Biyyaalessaa ajandaalee mana maree komishinichaan adda baafaman saddet irratti Yaa’ii marii biyyaalessaa gaggeessaa jiraachuun ni beekama.Ajandaaleen kunneen gareewwan hojii miseensota 500 qaban saddetiin irratti mari’atamaa jiru.Bu’uura hojimaata Komishnichaan gareen miseensota 500 qabu tokko ajandaa tokko irratti mari’achaa jira.Haaluma Kanaan ajandaalee dhimmoota amantaaleefi ijaarsa nageenyaa irratti mari’achaa kan turan gareen lama guyyaa har’aa Hagayya 5, 2018 yaadota furmaataa gabbifaman irratti waliigaluun qaboo yaa’ii qophaa’erratti mallatteessaniiru.Mari’attoonni ajandaalee biroos haaluma walfakkaatuun yaadota ajandaalee isaanii kan waloo godhachuun qaboo yaa’ii isaaniirratti waliif mallatteessuuf waliifgalu jedhamee eegama.#Oromia #Ethiopia