Finfinnee, Hagayya 3, 2018(FMC) – Paartiin badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaan injifachuun isaa mirkanaa’e waggoota itti aanan shananitti imaanaa uummanni itti kenne kabajuun nagaa fi olaantummaa seeraa kabajchiisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf cimee ni hojjeta jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad. Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa OBN waliin geggeessan keessatti, paartichi uummata irraa amantaa argachuun waggoota itti aanan mootummaa akka bulchuuf filannicha injifachuuibsan. Kun itti gaafatamummaa guddaa fudhachuu akka ta’e kan dubbatan Dooktar Abiy, paartichi rakkooleen uummanni akka isaa furamu barbaadu karaa maree biyyaalessaa furmaata waaraa argachuu danda’a jedhee waan amaneef, mareen biyyaalessaa akka geggeeffamuuf hojjechaa turuu kaasan. Kanuma bu’uureffachuunis, nagaan waaraa fi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf hojimanee uummataan itti kenname fudhatee cimee kan hojjetu ta’uu hubachiisan. Gaaffilee gama dinagdeen ka’an deebisuufis bu’aa gama nageenyaa fi olaantummaa seeraan argamu bu’uureffachuun misoomni amansiisaan jiraatee wabiin nyaataa uummatichaa akka dhugoomuuf kan hojjetamu ta’uu argisiisan.Kana malees hattummaa balleessuun tajaajila ga’aa ta’e uummataaf kennuuf tekinooloojii fayyadamuun hojiin bal’aan akka hojjetamuu fi gaaffiin uummataa hiika argachaa akka deemus kaasan.Hojiileen gurguddoo akka misooma niwukilarii Afrikaa keessaa kan jalqabaa ta’ee waggoota darban keessatti eegalame kan itti milkaa’ee tarkaanfii argisiisu ta’uus eeran.Galtee qonnaa isa hangafa kan ta’e fedhii xaa’oo fi sanyii filatamaa uummatichaa deebisuufis hojiin akka biyyaatti oomishuuf eegalame jabaatee itti fufuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf kan hojjetamu ta’a jedhan.Gaasii uumamaa oomishuuf waggoota shantama dura hojiin akka biyyaatti eegalamee fi amma abdii kennuu eegale cimsuun galteewwan waarshaalee ta’uu bira darbee konkolaattota gaasiidhaan socho’an biyya keessa galchuun akka galteetti itti fayyadamuuf ni hojjetamaas abdachiisan.Dirreen xiyyaaraa haaraan eegalamee fi akka addunyaatti abdii guddaa uume xumuramee seenaa biyyattii akka jijjiiruuf murannoon akka hojjetamus hubachiisan.Hojiin murteessaa ta’ee fi waa hedduu ofkeessatti hammate hojiin magaalomsuus bu’aa hundagaleessa akka fiduuf sadarkaa olaanaan kan hojjetamu ta’a jedhan.Kana bu’uureffacchuunis waggoota shanan dhufan keessattis Finfinneen alatti magaalota babbareedoo jireenyaaf miijatoo ta’an arguun akka danda’amu amantaa akka qaban himan.Yoonaataan Biraanuutiin#Oromia #Ethiopia