Raayyaa Ittisaa ammayyaa birmadummaa biyyaafi faayidaa biyyaalessaa eegsisu gurmeessuuf teeknooloojiin murteessaadha- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 6, 2026 (FMC) – Raayyaa Ittisaa ammayyaa birmadummaa biyyaafi faayidaa biyyaalessaa eegsisu gurmeessuuf teeknooloojiin murteessaadha jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan.Raayyaan Ittisa Biyyaafi Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa waliigaltee teeknooloojii hubannoo namtolcheen raayyaa ittisa biyyaa ammayyaa ijaaruuf dandeessisu waliif mallatteessaniiru.Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa wayita kana Inistiitiyuutichi yeroo gabaabaa keessatti guddina ariifachiisaa galmeessisuu akka danda’e ibsaniiru.Birmadummaafi faayidaalee biyyaalessaa eegsisuuf raayyaa ammayyaa gurmeessuuf teeknooloojii hubannoo namtolcheen deeggaramuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa Dooktar Warquu Gaachanaa gamasaaniin, teeknooloojiin hubannoo namtolchee humna ittisaaf keessumaa humna lafoo, qilleensaa fi galaanaaf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru.Inistiitiyuutichi raayyaa ittisa biyyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.Waliigaltichaan dhaabbileen lameen dameewwan loojistiksiin, leenjiin, nageenya saayibariin, eegumsa fayyaa miseensota raayyaa ittisaa akkasumas waraana humna qilleensaafi elektirooniksiin waliin hojjechuu kan hammatudha.Kana malees jilli Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan durfamu sochii hojii Inistiitiyuutichaa daawwateera.#Oromia #Ethiopia