Oromoon bilisoomeera; lamuu gabirummaaf qophaa’a miti” – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 2, 2018(FBC) – Jijjiirama mootummaa biyyattiitti dhufeen bilisummaan Oromoo guutummaatti mirkanaa’eera jedhan Minisitiirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.Dooktar Abiy dhimmoota dinagdee fi siyaasaa uummata Oromoo ilaalchisee OBN waliin gaaffii fi deebii gaggeessaniiru.Turtii isaanii kanaan, “Bita, mirga, dura, duuba ilaaluun hinbarbaachisu, Oromoon guutummaatti bilisoomeera” jechuun ibsan.Oromoon bilisoomsa jechuun har’a qabsaa’uun gowwummaa dha kan jedhan Dooktar Abiy, bilisummaan Oromoo qaamaa fi aangoo qabachuun qofa utuu hin taane, bilisummaa sammuunis mirkanaa’uu hubachiisan.Dhaloonni har’a Afaan ofiin dubbachuutti leeyya’uu dhiisuu irraa eegalee karaalee hedduun bilisummaan sammuu isaa mirkanaa’uu ibsan.Gaaffileen gama misoomaan jiranii fi dhawaataan deebii argachuu qaban jiraatanis bilisummaan uummatichaa garuu dhugoomeera kan kaasan Dooktar Abiy, Oromoon lamuu deebi’ee gabiroomuu akka hindandeenye cimsanii dubbatan.Oromoo akka kaleessaa gabroomseen, lafa isaa irraa buqqiseen jiraadhaa jedhee kan yaadu gowwaadha; Oromoon kana bira darbeera; Oromoon lamuu garbummaaf qophaa’aa miti jechuunis hubachiisan.Kunis injifannoo jiiiramichaa isa hangafa akka ta’e eeraniiru.Yoonaataan Biraanuutiin#Oromia #Ethiopia